Skip to content

"Nama namaaf rahmata hin goone Rabbiin ol ta'e rahmata isaaf hin godhu".

Jariiir ilma Abdullaah irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:

"Nama namaaf rahmata hin goone Rabbiin ol ta'e rahmata isaaf hin godhu".

«مَنْ لَا يَرْحَمِ النَّاسَ لَا يَرْحَمْهُ اللهُ عَزَّ وَجَلَّ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama namaaf rahmata hin goone Rabbiin ol ta'e rahmata akka isaaf hin goone ibsan, gabrichi uumamtootaaf rahmata gochuun sababaawwan guddoo ittiin rahmata Rabbii ol ta'ee argatan irraayi.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Rahmanni hunda uumamtootaatiif barbaachiftuudha, garuu nama addatti kan dubbateef isaaniif dhimmamuudhaani.

Rabbiin Isaatu mararfataadha gabroottan Isaa kan mararfatoo ta'aniif rahmata ni godha, mindaan fakkaataadhuma hojiiti.

Namaaf rahmata gochuun toltuu jaraaf qaqqabsiisuu, hamtuu isaan irraa deebisuu fi haala bareedaa ta'een isaaniin waliin hojjachuu wolitti qabata.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (8/ 10) (6013).

Sahiiha Muslim (4/ 1809) (2319).

Dabalata (5)

شرح رياض الصالحين.

لابن عثيمين (2/ 553).

نزهة المتقين شرح رياض الصالحين (1/ 247).

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (1/ 319).