Skip to content

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sujuuda lameen gidduutti akkana jedhu ture: «Allaahummaghfir lii, warhamnii, wa Aafinii, wahdinii, warzuqnii».

Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan lameen irraa haa jaallatu-:

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sujuuda lameen gidduutti akkana jedhu ture: «Allaahummaghfir lii, warhamnii, wa Aafinii, wahdinii, warzuqnii».

كان النبي صلى الله عليه وسلم يقول بين السجدتين: «اللَّهمَّ اغْفِرْ لي، وارْحَمْنِي، وعافِني، واهْدِني، وارزقْنِي».

Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
Hasani ragaalee isaatiin
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sujuuda lameen gidduutti kadhannaa shanan kan muslimni akka jabaatti itti haajamu kanaan kadhatu turani, toltuu duuniyaaf Aakhiraa kan waliitti qabatteedha, araarama gaafachuu, badii sattaruu fi isa irra darbuu gaafachuu, rahmata woliin ga'uu, fedhiiwwan, waan namatti wol fakkaatan, dhukkuboowwanii fi laalaawwan irraa nagaa ta'uu gaafachuu, qajeeluma Rabbiin gaafachuu fi isa irratti ragga'uu fi iimaana, beekumsa, hojii gaarii fi qabeenya halaalaa bareedaa akka isaaf kennu gaafachuu irraa.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Kadhannaan kun taa'umsa sujuuda lameen gidduutti jiru irratti karaa kan godhame ta'uu.

Sadarkaa kadhannaan kun qabuudha, toltuu duuniyaa fi Aakhiraa wolitti qabate waan ta'eef jecha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Abbaa Daawuud (2/ 138) (850).

Sunana Tarmizii (1/ 317) (284).

Sunana Ibnu Maajaa (2/ 64) (898).

Musnada Ahmad (5/ 72) (2895).

Dabalata (6)

مشكاة المصابيح.

للتبريزي (1/ 283).

سبل السلام شرح بلوغ المرام.

لمحمد الصنعاني (1/ 274).

توضيح الأحكام مِن بلوغ المرام.

لعبد الله البسام (2/ 240).