Skip to content

"Aayaa tokkollee taatu ana irraa geessaa, ilmaan israa'iil irraas odeessaa badii hin qabuutii, namni beekaa ana irratti sobe ibidda keessatti teessuma isaa haa mijjeeffatu".

Abdullaah ilma Amrii irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- dhugumaan Nabiyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:

"Aayaa tokkollee taatu ana irraa geessaa, ilmaan israa'iil irraas odeessaa badii hin qabuutii, namni beekaa ana irratti sobe ibidda keessatti teessuma isaa haa mijjeeffatu".

«بَلِّغُوا عَنِّي وَلَوْ آيَةً، وَحَدِّثُوا عَنْ بَنِي إِسْرَائِيلَ وَلَا حَرَجَ، وَمَنْ كَذَبَ عَلَيَّ مُتَعَمِّدًا فَلْيَتَبَوَّأْ مَقْعَدَهُ مِنَ النَّارِ».

Bukhaariitu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- beekumsa Qur'aanaa yookaan Hadiisaa isaan irraa geessuutti ajajan, osoodhuma wantichi geeffamu muraasa ta'eellee, akka Aayaa takka tan Qur'aanaa, yookaan Hadiisa tokkooti, ulaagaa waan geessuu fi itti waamu sana beekuutiin. Eegasii banii israa'iil irraa taatewwan isaan mudatte kan shari'aa keenya hin faallessine yoo ta'e odeessuun rakkoo akka hin qabne ifa galchan. Eegasii isaan irratti sobuu irraa sodachisan, namni beekaa isaan irratti sobe lubbuu isaatiif ibidda keessatti mana haa godhatu jedhan.

Hiika jechchootaa

لا حرج: لا إثم ولا ذنب.

بنو اسرائيل: هم بنو يعقوب بن إسحاق بن إبراهيم، فإسرائيل لقب ليعقوب. والمراد أتباع دينهم من اليهود والنصارى.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Shari'aa Rabbii geessuutti kakaasuu, namni waan haffazee fi hubate osoo xiqqoollee ta'e geessuutu isa irra jiraadha.

Beekumsa shari'aa barbaaduun dirqama ta'uudha, Rabbiin gabbaruu fi shari'aa isaa haala sirriitiin geessuu akka danda'anuuf jecha

Sirrummaa Hadiisa kamiiyyuu isa geessuu yookaan raabsuun duratti mirkaneeffachuun dirqama ta'uudha, akka sodaachisa jabaa kana keessa hin seenne of eeguuf jecha.

Haasaa keessatti dhugaa dubbachuu fi Hadiisa odeessuu keessatti of eeggannoo gochuutti kakaasuudha, akka sobatti hin galleef jecha, keessattuu shari'aa Rabbii ol ta'ee keessatti.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (4/ 170) (3461).

Dabalata (6)

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (2/ 464).

نزهة المتقين.

لمصطفى الخن وغيره (2/ 951).

شرح رياض الصالحين.

لابن عثيمين (5/ 429).