Skip to content

«Namni yeroo kudhaniif "Laa ilaaha illallaahu Wahdahuu Laa Shariika lahuu, Lahul mulku Walahul hamdu wahuwa Alaa kulli shay'in Qadiir" jedhe

Abuu Ayyuub irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«Namni yeroo kudhaniif "Laa ilaaha illallaahu Wahdahuu Laa Shariika lahuu, Lahul mulku Walahul hamdu wahuwa Alaa kulli shay'in Qadiir" jedhe ilmaan Ismaa'il irraa akka nama lubbuu afur bilisa baaseeti».

«مَنْ قَالَ: لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَحْدَهُ لَا شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ وَلَهُ الْحَمْدُ وَهُوَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ، عَشْرَ مِرَارٍ كَانَ كَمَنْ أَعْتَقَ أَرْبَعَةَ أَنْفُسٍ مِنْ وَلَدِ إِسْمَاعِيلَ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin akkas jechuun himani -Rabbii rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- «namni Laa ilaaha illallaahu Wahdahuu Laa Shariika Lahuu, Lahul mulku, Wolahu hamdu, Wahuwa Alaa Kulli Shay'in Qadiir» (haqaan gabbaramaan Rabbii tokkicha malee hin jiru, mootummaan guutuunis kanuma isaa qofa, faaruun gaariinis kanuma isaa qofa, inni waan hundaa irratti danda'aadha homaa isa hin dadhabsiisu, jedhe. namni zikrii guddaa kana guyyaa keessatti yeroo kudhaniif irra deddeebi'e; mindaa akka namni gabroota afur ilmaan ismaa'il ilma ibraahiim -rahmannii fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- irraa biliisoomse argatuutu isaaf jira jechuu himan, ilmaan ismaa'iil addatti kan dubbateef -nageenyi isa irra haa jiraatu- isaan kan biroo irra kabajamoo waan ta'eef jecha.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

sadarkaa zikriin gabbaraan, aangoo guutuu, faaruu gaggaarii fi dandeettii guutuun Rabbiin qofaa baasuu of keessatti qabatu kun qabu agarsiisa.

mindaa zikrii kanaa wolitti aansee yookaan adda baasee nama jedheetu argata.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (8/ 86) (6404).

Sahiiha Muslim (4/ 2071) (2693).

Dabalata (8)

توضيح الأحكام من بلوغ المرام.

للبسام (7/ 533).

منحة العلام في شرح بلوغ المرام.

لعبد الله الفوزان (10/ 399).

فتح ذي الجلال والإكرام.

لابن عثيمين (6/ 465).

سبل السلام بشرح بلوغ المرام.

للصنعاني (2/ 703).