"Du'aa'ii caalaa wanti Rabbii ol ta'e biratti irra kabajamu hin jiru".
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-ni jedhani:
"Du'aa'ii caalaa wanti Rabbii ol ta'e biratti irra kabajamu hin jiru".
«لَيْسَ شَيْءٌ أَكْرَمَ عَلَى اللهِ تَعَالَى مِنَ الدُّعَاءِ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti ibaadaa keessaa Rabbiin biratti wanti du'aa'ii caaluu akka hin jirre ifa galchani; waan isa keessa durummaa Rabbbii ol ta'ee fi dadhabbii gabrichaa mirkaneessuun jiruuf jecha.
...:
Sadarkaa du'aa'iin qabuudha, dhugumatti namni Rabbiin kadhate Isa guddiseera, akkasumas akka Inni dureessa ta'e Isaaf mirkaneessaa jira, rakkataan hin kadhatamu, Inni dhagahaadha duudaan hin kadhatamu, Inni arjaadha donni hin kadhatamu, Inni mararfataadha gara jabeessi hin kadhatamu, Inni danda'aadha dadhabaan hin kadhatamu, Inni dhihoodha fagaataan hin dhagahu, wanni biroos kan sifaata guddinaa fi bareedinaa Rabbii ol ta'ee irraa ta'e akkasuma.
Sunana Tarmizii (5/ 385) (3370).
Sunana Ibnu Maajaa (5/ 6) (3829).
Musnada Ahmad (14/ 360) (8748).
Dabalata (8)
توضيح الأحكام من بلوغ المرام.
للبسام (7/ 546).
منحة العلام في شرح بلوغ المرام.
لعبد الله الفوزان (10/ 416).
فتح ذي الجلال والإكرام.
لابن عثيمين (6/ 481).
سبل السلام بشرح بلوغ المرام.
للصنعاني (2/ 707).