“Isin keessaa namni tokko yommuu nyaatu harka mirgaatiin haa nyaatu, yommuu dhugu harka mirgaatiin haa dhugu, Sheyxaanni harka bitaa isaatiin nyaata, harka bitaa isaatiinis dhuga”.
Ibnu Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaalatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
“Isin keessaa namni tokko yommuu nyaatu harka mirgaatiin haa nyaatu, yommuu dhugu harka mirgaatiin haa dhugu, Sheyxaanni harka bitaa isaatiin nyaata, harka bitaa isaatiinis dhuga”.
«إِذَا أَكَلَ أَحَدُكُمْ فَلْيَأْكُلْ بِيَمِينِهِ، وَإِذَا شَرِبَ فَلْيَشْرَبْ بِيَمِينِهِ، فَإِنَّ الشَّيْطَانَ يَأْكُلُ بِشِمَالِهِ، وَيَشْرَبُ بِشِمَالِهِ».
Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, Muslimni harka mirgaatiin akka nyaatuu fi dhuguuf ajajan, akkasumas harka bitaatiin nyaachuu fi dhuguu irraa dhoorgan, sababni isaas sheyxaanni ittiin nyaatee waan dhuguuf jecha.
Harka bitaan nyaachuu ykn dhuguun sheyxaanatti fakkaachuu irraa dhoorguudha.
Sahiiha Muslim (3/ 1598) (2020).
Dabalata (8)
توضيح الأحكام مِن بلوغ المرام.
للبسام (5/ 445).
فتح ذي الجلال والإكرام شرح بلوغ المرام.
لابن عثيمين (6/ 270).
سبل السلام شرح بلوغ المرام.
للصنعاني (2/ 625).
عون المعبود شرح سنن أبي داود (10/ 179).
فتاوى اللجنة الدائمة - المجموعة الأولى- (26/ 387).