Skip to content

«Kun lameen dhiira ummata kootii irratti haraama, dubartoota isaaniitiif immoo halaala».

Aliyyi ibnu Abii Xaalib irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:

Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bitaa isaaniitiin hariira qabatanii, mirga isaanitiin immoo worqii qabatanii, eegasii hariiraa fi worqiin harka isaanii lameen ol qabuun, akkas jedhani: «Kun lameen dhiira ummata kootii irratti haraama, dubartoota isaaniitiif immoo halaala».

أَخَذَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ حَرِيرًا بِشِمَالِهِ، وَذَهَبًا بِيَمِينِهِ، ثُمَّ رَفَعَ بِهِمَا يَدَيْهِ، فَقَالَ: «إِنَّ هَذَيْنِ حَرَامٌ عَلَى ذُكُورِ أُمَّتِي، حِلٌّ لِإِنَاثِهِمْ».

Abuu Daawuud, Nasaa'ii fi Ibnu maajaatu gabaasan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- uffata hariiraa yookaan citaa hariira irraa ta'e harka isaanii bitaatiin qabatanii, worqii faayaa yookaan kan sana fakkaatu irraa ta'e immoo harka isaanii mirgaatiin qabatanii eegasii akkas jedhani: hariirra fi worqii uffachuun dhiira irratti haraama, dubartootaaf immoo halaala.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Aalimni Islaamaa Assindiin akkas jedhe: (haraama): kan itti fedhame uffannaan itti fayyadamuudha; jijjiirraaf, kennaaf, bittaaf immoo hundaafuu halaala, worqii meeshaa isa irraa taasifatanii itti fayyadamuun immoo hundaafuu haraama.

faayatti haajamuu fi waan birootiif jecha shari'aan islaamaa dubartiitti bal'isuu isaa.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Abbaa Daawuud (6/ 165) (4057).

Sunana Nasaa'ii (8/ 160) (5144).

Sunana Ibnu Maajaa (4/ 594) (3595).

Dabalata (4)

شرح رياض الصالحين.

لابن عثيمين (2/ 613).

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (2/ 99).