«Namni milkii ilaallate yookaan ilaalchifate, yookaan raage yookaan raagameef, yookaan falfale yookaan falfalameef nurraayyii miti
Imraan ibnu Husayn irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namni milkii ilaallate yookaan ilaalchifate, yookaan raage yookaan raagameef, yookaan falfale yookaan falfalameef nurraayyii miti namni hirzii hidhe, akkasuma namni raagaa bira dhaqee waan inni jedhu isa dhugeesse dhugaatti waan Muhammadiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irratti bu'etti kafareera».
«لَيْسَ مِنَّا مَنْ تَطَيَّرَ أَوْ تُطُيِّرَ لَهُ، أَوْ تَكَهَّنَ أَوْ تُكُهِّنَ لَهُ، أَوْ سَحَرَ أَوْ سُحِرَ لَهُ، وَمَنْ عَقَدَ عُقْدَةً، وَمَنْ أَتَى كَاهِنًا فَصَدَّقَهُ بِمَا يَقُولُ فَقَدْ كَفَرَ بِمَا أُنْزِلَ عَلَى مُحَمَّدٍ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ummata isaanii irraa nama hojii garii hojjate: "nurraayyii miti" jechuun sodaachisani, sana keessaa: Inni jalqabaa: "nama milkii ilaallate yookaan nama milkiin ilaalameef" bu'uurri isaa imalas ta'u yookaan daldalas ta'u yookaan kan biroos ta'u hojii wohii yeroo eegaluu jedhanitti allaattii gadhiisuudha, karaa mirgaa yoo barrise abdii godhatee waan barbaadu san itti fufa, yoo karaa bitaa barrise immoo milkiin hin jiru jedhee abdii muratee waan barbaadu sana dhiisa, gocha akkasii kana ofiif hojjachuun hin ta'u yookaan nama isaaf hojjatus godhachuun hin ta'u, akkasuma allaattiwwaniin yookaan bineensotaan yookaan qaama miidhamtootaan yookaan lakkoofsaan yookaan guyyaadhaan yookaan waan biraatiin waanuma ta'e haa ta'u kan dhaga'amus ta'ee yookaan kan argamus ta'ee ittiin abdii murachuun hin ta'u. inni lammaffaan: "nama raage yookaan raagameefi" urjiiwwanii fi kanneen biroo fayyadamuun namni beekumsa fagoon beeka jedhee himate, yookaan raagaa fi kan isa fakkatan gara nama beekumsa waan fagoo himatutti dhufee, beekumsa fagoo himachu isaatiif waan inni jedhu isa dhugeesse, dhugaatti waan Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irratti bu'etti kafare. sadaffaan: "nama falfala hojjate yookaan falfalli hojjatameefi" inni nama ofii isaatiif falfala hojjatate, yookaan nama falfala isaaf hoojjatu kan godhatedha; nama wohii ittiin fayyaduuf yookaan isa miidhuuf jecha, yookaan maganfannaa haraama ta'e irratti qara'uu fi isa keessatti tuttufuun haadaa fi falfala irraa hirzii hidhe.
...:
Rabbi irratti hirkachuu fi murtoo isaatti amanuun dirqama ta'uu isaa, akkasuma milkii ilaallachuu, abdii murannaa, falfallii fi raagni, yookaan namoota waan kana hojjatan sana gaafchuun haraama ta'uu isaa.
beekumsa waan fagoo himachuun shirkii tawhiida falleessu irraati.
raagaa dhugeessuu fi isa bira deemuun haraama ta'uu isaa, ganaa qara'uu, siinii qara'uu fi urjiiwwan ilaaluunis waan isaa baruuf jecha yoo ta'ellee sanuma irraa lakkaawama.
Dabalata (11)
مسند البزار = البحر الزخار (9/ 52) (3578).
شرح السنة للبغوي (12/ 182).
مجموع الفتاوى (35/ 173).
القول المفيد على كتاب التوحيد.
لابن عثيمين (1/ 543).
التمهيد لشرح كتاب التوحيد.
لصالح آل الشيخ (ص315).
الجديد في شرح كتاب التوحيد.
لمحمد القرعاوي (ص242).
الملخص في شرح كتاب التوحيد.
لصالح الفوزان (ص217).
Cited in books
7 BooksDabalata (7)
- حكم السحر والكهانة(من أتى كاهناً فصدّقه بما يقول فقد كفر بما أنزل على محمد -صلى الله عليه وسلم- )
- حكم السحر والكهانة(من أتى كاهناً فصدقه بما يقول فقد كفر بما أنزل على محمد -صلى الله عليه وسلم- )،
- حكم السحر والكهانة(من أتى كاهناً فصدقه بما يقول فقد كفر بما أنزل على محمد -صلى الله عليه وسلم- )،
- عقيدة الأئمة الأربعة«لَيْسَ مِنَّا مَنْ تَطَيَّرَ أَوْ تُطِيِّرَ لَهُ، أَوْ تَكَهَّنَ أَوْ تُكُهِّنَ لَهُ، أَوْ سَحَرَ أَوْ سُحِرَ لَهُ»،
- كتاب التوحيدكتاب التوحيد للشيخ محمد بن عبد الوهاب((مَنْ أَتَى كَاهِنًا فَصَدَّقَهُ بِمَا يَقُولُ فَقَدْ كَفَرَ بِمَا أُنْزِلَ عَلَى مُحَمَّدٍ صلى الله عليه وسلم))
- كتاب التوحيدكتاب التوحيد للشيخ محمد بن عبد الوهاب((لَيْسَ مِنَّا مَنْ تَطَيَّرَ أَوْ تُطُيِّرَ لَهُ، أَوْ تَكَهَّنَ أَوْ تُكُهِّنَ لَهُ، أَوْ سَحَرَ أَوْ سُحِرَ لَهُ، وَمَنْ أَتَى كَاهِنًا فَصَدَّقَهُ بِمَا يَقُولُ فَقَدْ كَفَرَ بِمَا أُنْزِلَ عَلَى مُحَمَّدٍ صلى الله عليه وسلم))
- مطوية الرقيةالرقية الشرعية - 1" ليس منّا مَن تطيّر أو تُطير له، أو تكهّن أو تُكهّن له، أو سَحر أو سُحر له، ومن أتى كاهناً فصدقه بما يقول فقد كفر بما أنزل على محمد ".