«tokkoon keessan yeroo gara maatii isaatti deebi'etti gaala rimaa qabdu gurguddoo gagabbattuu sadi isaan biratti argachuu ni jaallataa?
Abuu hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«tokkoon keessan yeroo gara maatii isaatti deebi'etti gaala rimaa qabdu gurguddoo gagabbattuu sadi isaan biratti argachuu ni jaallataa?» nutis: eeyyeen ni jaallanna jenne. Ergamaanis ni jedhan: «Aayaa sadi kan tokkoon keessan salaata isaa keessatti qara'utu, gaala rimaa qabdu gurguddoo gagabbattuu sadi irra isaaf caala».
«أَيُحِبُّ أَحَدُكُمْ إِذَا رَجَعَ إِلَى أَهْلِهِ أَنْ يَجِدَ فِيهِ ثَلَاثَ خَلِفَاتٍ عِظَامٍ سِمَانٍ؟» قُلْنَا: نَعَمْ. قَالَ: «فَثَلَاثُ آيَاتٍ يَقْرَأُ بِهِنَّ أَحَدُكُمْ فِي صَلَاتِهِ خَيْرٌ لَهُ مِنْ ثَلَاثِ خَلِفَاتٍ عِظَامٍ سِمَانٍ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mindaan Aayaa sadi salaata keessatti qara'uu; ilmi namaa mana isaa keessatti gaala rimaa gurguddoo gagabbattuu sadi argachuu irra isaaf akka caalu ibsani.
...:
salaata keessatti qur'aana qara'uun sadarkaa inni qabu ibsuutu keessa jira.
hojiiwwan gaggaariin meeshaalee jireenya adduuniyaa irra kan caaltuu fi haftuuu taatedha.
sadarkaan kun aayaa sadi qofa qara'uu irratti kan daangeffamuu miti; hanguma namni salaatu salaata isaa keessatti aayaatowwan qara'uu dabaluun mindaan isiis gaalowwan rimaa qaban lakkoofsa isii irra isaaf caala.
Sahiiha Muslim (1/ 552) (802).
Dabalata (4)
إكمال المعلم (3/172).
الإفصاح عن معاني الصِّحاح (8/65).
فتح المنعم شرح صحيح مسلم (3/620).
البحر المحيط الثجاج (16/343).
Cited in books
2 BooksDabalata (2)
- الذكر والدعاء والعلاج بالرقي من الكتاب والسنة"أيحب أحدكم إذا رجع إلى أهله أن يجد فيه ثلاث خَلِفَاتٍ عِظامٍ سمانٍ؟ " قلنا نعم.
- المنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح - المعتمدالمنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح“أيحب أحدكم إذا رجع إلى أهله أن يجد فيه ثلاث خلفات عظام سمان؟” قلنا: نعم، قال: “فثلاث آيات يقرأ بهن أحدكم في صلاته، خير له من ثلاث خلفات عظام سمان”.