Skip to content

"Gabrichi kamuu kan Rabbiin ummata akka hoogganu isa godhee, guyyaa du'u haala ummata isaa ganeen yoo kan du'u ta'e, Rabbiin jannata haraama isa irratti taasisu malee hin hafu".

Ma'aqil ilma Yasaar al-muzanii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa ha jaallatu- ani dhugumatti Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jdhuun dhaga'e jedhe:

"Gabrichi kamuu kan Rabbiin ummata akka hoogganu isa godhee, guyyaa du'u haala ummata isaa ganeen yoo kan du'u ta'e, Rabbiin jannata haraama isa irratti taasisu malee hin hafu".

«مَا مِنْ عَبْدٍ يَسْتَرْعِيهِ اللهُ رَعِيَّةً، يَمُوتُ يَوْمَ يَمُوتُ وَهُوَ غَاشٌّ لِرَعِيَّتِهِ، إِلَّا حَرَّمَ اللهُ عَلَيْهِ الْجَنَّةَ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hundi nama Rabbiin ol ta'e ummata irratti hogganaa fi itti gaafatamaa taasisee, itti gaafatamummaa waliigalaa kan akka bulchaas ta'ee yookaan itti gaafatamummaa dhuunfaa kan akka namichi mana isaa irratti ta'uu fi dubartiin mana isii irratti ta'uu ta'us, yoo haqa ummataa keessatti hirdhisee, isaan ganee gorsas isaan hin gorsine, akkasumas haqa isaanii diinii fi duuniyaa yoo balleesse, dhugumatti adabbii jabaa kana haqa godhatee jira.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Sodaachisni kun hoogganaa olaanaa fi bakka bu'oota isaa qofa hin ilaallatu, hunduma nama Rabbiin itti gaafatamummaa isaaf kennee ilaallata.

Dirqamni hunda nama dhimma muslimootaa irratti muudamee toltuu isaaniif yaaduudha, akkasumas amaanaa isaa geessuu fi ganuu irraa of eeguu keessatti carraaquudha qaba.

Itti gaafatamummaan hunda nama muudama wolii galaa yookaan muudama dhuunfaa fudhatee, guddaas ta'u xiqqaa, guddaa ta'uu isaa agarsiisa.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (9/ 64) (7150).

Sahiiha Muslim (1/ 125) (142).

Dabalata (6)

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (1/ 706).

فيض القدير شرح الجامع الصغير.

للمناوي (5/ 488).

نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين (1/ 543).