«Namni salaata qorraa lamaan salaate Jannata seena».
Abuu Muusaa Al-Ash’arii irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu-: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Namni salaata qorraa lamaan salaate Jannata seena».
«مَنْ صَلَّى الْبَرْدَيْنِ دَخَلَ الْجَنَّةَ»
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- salaata yeroo qorraa lamaan, kan salaata subhii fi asrii kan ta'an irratti kakaasanii, nama haqa isaanii eegee, yeroo, jamaa'aa fi waan birootin isaan raawwate jannata seenuu keessatti sababaa akka isaaf ta'an isa gammachiisan.
Sadarkaa salaata subhii fi asrii irratt tikfachuun qabuudha; sababni isaas salaanni subhii yeroo hirriibni namatti tolu keessatti waan dhufuuf jecha, salaanni Asrii immoo yeroo namni hojii isaa irratti bobba’u keessatti waan dhufuuf jecha, kanaaf namni salaata lamaan kana irratti tikfate salaata hafan irratti tikfachuun isaa salphaadha.
Salaanni Fajrii fi Asrii salaata qorraa jedhamanii wanni waamamaniif; Salaanni fajrii qorra halkanii waan qabuuf jecha, salaanni Asrii immoo qorra guyyaa waan qabuuf jecha, inni yeroo ho’aa keessa yoo ta’ellee yeroo isa duraa caalaa salphaadha, ykn kanaan waamamuun isaa tokko tokko irratti injifachiisuun ta’a, akkuma jedhamu: Qamaraani (baatii lamaan) aduu fi baatif.
Sahiiha Bukhaarii (1/ 119) (574).
Sahiiha Muslim (1/ 440) (635).
Dabalata (4)
نزهة المتقين.
لمجموعة من الباحثين (1/ 159).
شرح رياض الصالحين.
لابن عثيمين (2/ 187).
Cited in books
3 BooksDabalata (3)
- المنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح - المعتمدالمنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح“من صلى البردين دخل الجنة”.
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 1 «مَنْ صَلَّىٰ الْبَرْدَيْنِ دَخَلَ الْجَنَّةَ».
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 5«مَن صلَّىٰ البَرْدَيْنِ دَخَلَ الجَنَّةَ».