"Salaata subhii namni salaate eegumsa Rabbii keessa jiraata
Jundub ilma Abdullaah Al-qasrii irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu ni jedhan:
"Salaata subhii namni salaate eegumsa Rabbii keessa jiraata, Rabbiin eegumsa isaa irraa waa tokkoon isin hin barbaadin, namni eegumsa isaa irraa waa tokkoon isa barbaade dhugumatti isa qaqqaba, eegasii fuula isaatiin ibidda jahannam keessatti isa darbata".
«مَنْ صَلَّى صَلَاةَ الصُّبْحِ فَهُوَ فِي ذِمَّةِ اللهِ، فَلَا يَطْلُبَنَّكُمُ اللهُ مِنْ ذِمَّتِهِ بِشَيْءٍ، فَإِنَّهُ مَنْ يَطْلُبْهُ مِنْ ذِمَّتِهِ بِشَيْءٍ يُدْرِكْهُ، ثُمَّ يَكُبَّهُ عَلَى وَجْهِهِ فِي نَارِ جَهَنَّمَ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni fajrii salaate eegumsa Rabbii, kunuunsa isaatiifi tika isaa keessa akka jiraatuu fi akka isa irraa deebisuu fi isaaf tumsu himani. Eegasii -rahmannii fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- salaata fajrii dhiisuunis haa ta'uu yookaan nama isii salaatu tuquu fi isa irratti daangaa darbuun waadaa kana diiguu fi balleessuu irraa sodaachisani, namni sana hojjate dhugumatti eegumsa kana diigee jira, kanaaf haqa Rabbii keessatti waan daangaa darbeef Rabbiin isa barbaaduun dinniina jabaa haqa godhatee jira, namni Rabbiin isa barbaade isa qaqqaba, eegasii immoo fuula isaatiin ibidda keessa isa buusa.
...:
Barbaachisummaa salaata fajriitii fi sadarkaa isii ibsuutu keessa jira.
Nama fajrii salaate nama hamtuun tuqu irratti sodaachisni jabaan dhufuu isaati.
Rabbiin nama gabroottan isaa gaggaarii tuqu irraa haaloo akka ba'uudha.
Sahiiha Muslim (1/ 454) (657).
Dabalata (6)
المعجم الأوسط (4/ 5) (3464).
نزهة المتقين شرح رياض الصالحين (1/ 249).
شرح رياض الصالحين.
لابن عثيمين (2/ 561).
بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.
لسليم الهلالي (1/ 323).
Cited in books
3 BooksDabalata (3)
- المنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح - المعتمدالمنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح“من صلى صلاة الصبح فهو في ذمة الله، فلا يطلبنكم الله من ذمته بشيء، فإنه من يطلبه من ذمته بشيء يدركه، ثم يكبه على وجهه في نار جهنم”.
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 2«مَنْ صَلَّىٰ صَلاَةَ الصُّبْح فَهُوَ فِي ذِمَّةِ الله، فَلا يَطْلُبـَنَّكُمُ اللهُ مِنْ ذِمَّتِهِ بِشَيءٍ، فَإِنَّهُ مَنْ يَطْلُبْهُ مِنْ ذِمَّتِهِ بِشَيْءٍ يُدْرِكْهُ، ثُمَّ يَكُبُّهُ عَلَىٰ وَجْهِهِ فِي نَارِ جَهَنَّمَ».
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 2«مَنْ صَلَّىٰ صَلاةَ الصبْح فَهُوَ في ذِمَّةِ الله، فَلا يَطلُبَنَّكُمْ الله مِنْ ذِمَّتِهِ بِشَيء، فَإنَّهُ مَنْ يَطلُبْهُ مِنْ ذِمَّتِهِ بِشَيءٍ يُدْرِكْهُ، ثُمَّ يَكُبَّهُ عَلَىٰ وَجْهِهِ في نَارِ جَهَنَّمَ».