«Yeroo isa argitan soomaa, ammas yeroo isa argitan sooma keessan hiikaa, yoo duumessa ta’e immoo tilmaaman deemaa».
Ibnu Umar irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa rahmanni irra haa jiraatu- akkana kan jedhu dhaga'e:
«Yeroo isa argitan soomaa, ammas yeroo isa argitan sooma keessan hiikaa, yoo duumessa ta’e immoo tilmaaman deemaa».
«إِذَا رَأَيْتُمُوهُ فَصُومُوا، وَإِذَا رَأَيْتُمُوهُ فَأَفْطِرُوا، فَإِنْ غُمَّ عَلَيْكُمْ فَاقْدُرُوا لَهُ».
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- mallattoo jalqabbii fi xumura baatii Ramadaanaa ibsanii,akkas jedhan: Ji’a Ramadaanaa yoo argitan soomaa, Yoo duumessaaf isa arguu dhabdan, ji'a Sha'abaanaa guyyaa soddoma lakkaa'aa soomaa, ji'a Shawwaal yoo argitan immoo sooma keessan hiikaa, yoo duumessaaf isa arguu baattan ji'a Ramadaanaatiif guyyaa soddoma lakkaa'aa.
Jalqaba baatii mirkaneessuuf shallaggii osoo hin taane mul’ata baatii irratti hirkatanii hojjechuu akka ta'eedha.
Ibnu al-Munzir soomni yoo ji’a Ramadaanaa osoo baatii hin argin shallaggii qofaan yoo ta'e soomuun dirqama akka hin taane walii galtee hayyoota Islaamaa dabarseera.
Duumessi ykn kan kana fakkaatan baatii ji’a Ramadaanaa akka hin argine yoo dhoorge Sha'abaana guyyaa soddoma guutuun dirqama tahuudha.
Baatiin tokko yoo ji'aan lakkaa'an guyyaa digdamii sagal, ykn guyyaa soddoma qofa ta'a.
Duumessi ykn kan kana fakkaatan ji’a Shawwaal arguu irraa yoo dhoorge Ramadaana guyyaa soddoma xumuruun dirqama taha.
Namni eddoo jireenyaa namni sooma muslimootaa too'atu hin jirre jiraatu, ykn sanaaf dhimma hin qabne yoo ta’e, tilmaama keessa galchee nama itti amanu gaafatee mirkaneefachuun, haala kanaan sooma jalqabuun ykn hiikuun isarra jiraata.
Sahiiha Bukhaarii (3/ 25) (1900).
Sahiiha Muslim (2/ 760) (1080).
Dabalata (9)
تيسير العلام.
لعبد الله البسام (ص314).
تنبيه الأفهام شرح عمدة الأحكام.
لابن عثيمين (3/ 414).
الإفهام في شرح عمدة الأحكام.
لابن باز (ص385).
خلاصة الكلام على عمدة الأحكام.
لفيصل آل مبارك (ص146).
الموسوعة الفقهية الكويتية (23/ 142).