''Namni waan hidhii isaa lameen gidduu jiruu (Arraba) fi waan luka isaa lameen gidduu jiru (Qaama saalaa) of naaf qabe jannatan isaaf of qaba''.
Sah'l ilma Sa'ad irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ni jedhan:
''Namni waan hidhii isaa lameen gidduu jiruu (Arraba) fi waan luka isaa lameen gidduu jiru (Qaama saalaa) of naaf qabe jannatan isaaf of qaba''.
«مَنْ يَضْمَنْ لِي مَا بَيْنَ لَحْيَيْهِ وَمَا بَيْنَ رِجْلَيْهِ أَضْمَنْ لَهُ الْجَنَّةَ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota lama kan muslimni yoo isii qabate dhugumatti jannata seenu himan. Tokkoffaan: waan Rabbii ol ta'e dallansiisu dubbachuu irraa Arraba eeguudha, Lammaffaan: waan badaatti kufuu irraa qaama saalaa eeguudha; Sababaa qaamolee kana lameenitiin badiiwwan argamuun waan heddummaatuufi.
...:
Qaama saalaa fi Arraba tiksuun jannata seenuuf karaadha.
Arrabaa fi Qaama saalaa kan addatti dubbateef; duniyaa fi Aakhiraa keessatti balaaf nama saaxiluu keessatti madda irra guddaa waan isaan ta'aniifi.
Sahiiha Bukhaarii (8/ 100) (6474).
Dabalata (11)
بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.
تأليف سليم الهلالي (3/ 9).
نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.
تأليف د.
مصطفى الخِن وغيره (2/ 1035).
كنوز رياض الصالحين.
لمجموعة من الباحثين (18/ 85).
شرح رياض الصالحين.
لابن عثيمين (6/ 117).
إرشاد الساري لشرح صحيح البخاري.
للقسطلاني (9/ 272).