Skip to content

"Namicha yeroo gurguru, yeroo bituu fi yeroo waan liqeesse deebisiifatu laafaa ta'e Rabbiin rahmata isaaf haa godhu".

Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:

"Namicha yeroo gurguru, yeroo bituu fi yeroo waan liqeesse deebisiifatu laafaa ta'e Rabbiin rahmata isaaf haa godhu".

«رَحِمَ اللهُ رَجُلًا سَمْحًا إِذَا بَاعَ، وَإِذَا اشْتَرَى، وَإِذَا اقْتَضَى».

Bukhaariitu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama gurgurtaa isaa keessatti laafaa fi arjaa ta'e hundaaf rahamataan du'aa godhaniif; Nama bitutti gatii hin jabeessu, akkasumas haala gaariin isa keessummeessa, Laafaa arjaa kennaadha yeroo bitus; gatii cabsee meeshaa hin xinneessu, Akkasumas yeroo liqaa isa kaffaluu gaafatetti laafaa arjaa kennaadha; rakkataa fi haajomaa irratti hin jabeessu, inumaa laphe ba'aa fi suutumaan gaafata, rakkataaf immoo yeroo kennaaf.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Kaayyoo shari'aa irraa waan walitti dhufeenya gidduu namootaa tolchu tiksuudha.

Gurgurtaa, bittaa fi waan biroo kan hojiilee gidduu namootatti aragaman irraa ta'e keessatti irra ol aantuu akhlaaqaa fayyadamuutti kakaasuudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (3/ 57) (2076).

Dabalata (7)

نزهة المتقين (2/ 944).

كنوز رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين (16/ 386).

منار القاري.

لحمزة محمد قاسم (3/ 258).

شرح رياض الصالحين.

لابن عثيمين (5/ 405).