Skip to content

"Namni kabajaa obboleessa isaa irraa ittise Rabbiin guyyaa qiyaamaatti fuula isaa irraa ibidda deebisa".

Abu Addardaa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

"Namni kabajaa obboleessa isaa irraa ittise Rabbiin guyyaa qiyaamaatti fuula isaa irraa ibidda deebisa".

«مَنْ رَدَّ عَنْ عِرْضِ أَخِيهِ رَدَّ اللهُ عَنْ وَجْهِهِ النَّارَ يَوْمَ الْقِيَامَةِ».

Tirmizii fi Ahmad gabaasani
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isa arrabsuu fi yookaan isatti hamtuu hojjachuu dhoorguun namni kabajaa obboleessa isaa muslimaa irraa bakka inni hin jirretti ittise, Rabbiin guyyaa qiyaamaatti adabbii isa irraa ittisa.

Hiika jechchootaa

عِرْضِ أَخِيهِ: العرض هو ما يُمْدَح به الإنسان أو يذم.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Kabajaa muslimootaa tuquu irraa dhoorguudha.

Mindaan fakkaataa hojiiti, namni kabajaa obboleessa isaa irraa ittise Rabbiin ibidda isa irraa ittisa.

Islaamummaan amantaa gidduu hordoftoota isaatti obbolummaa fi woliif tumsuu jabeessudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Tarmizii (3/ 488) (1931).

Musnada Ahmad (45/ 528) (27543).

Dabalata (8)

توضيح الأحكام من بلوغ المرام.

للبسام (7/ 499).

منحة العلام في شرح بلوغ المرام.

لعبد الله الفوزان (10/ 349).

فتح ذي الجلال والإكرام.

لابن عثيمين (6/ 437).

سبل السلام بشرح بلوغ المرام.

للصنعاني (2/ 692).