Skip to content

“Guyyaa Qiyaamaa jalqaba wanti isa keessatti gidduu namootatti murtiin godhamuu dhiiga".

Abdullah bin Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhani:

“Guyyaa Qiyaamaa jalqaba wanti isa keessatti gidduu namootatti murtiin godhamuu dhiiga".

«أَوَّلُ مَا يُقْضَى بَيْنَ النَّاسِ يَوْمَ الْقِيَامَةِ فِي الدِّمَاءِ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guyyaa qiyaamaa miidhaa namoonni gariin garii isaanii irratti hojjate ilaalchisee jalqaba wanti namoota giddutti murtii godhamuu dhiiga akka ajjeesuu fi madeessuu akka ta'e himan.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Dhimmi dhiigaa guddaa ta'uudha, sababni isaas jalqabni waan irra yaachisaa ta'een waan ta'uuf jecha.

Diliin akka guddina badii raawwatamteetiin guddataadha, lubbuu qulqulluu balleessuun badiilee gurguddoo keessaa isa tokko yoo ta’u, kafaruu fi Rabbii ol ta'etti qindeessuu malee wanti isa caalu hin jiru.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (9/ 2) (6864).

Sahiiha Muslim (3/ 1304) (1678).

Dabalata (6)

خلاصة الكلام شرح عمدة الأحكام.

لفيصل آل مبارك (ص319).

تيسير العلام شرح عمدة الأحكام.

للبسام (ص640).

الإلمام بشرح عمدة الأحكام.

لإسماعيل الأنصاري (2/ 103).