«Yaa ilmaan namaa salaamataa facaasaa, nyaata nyaachisaa, firooma fufaa, yeroo namni rafu halkaniin salaataa, nagaadhaan jannata seentuutii».
Abdullaah ibnu salaam irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo gara madiinaa dhufanitti namoonni ariifatanii gara isaaniitti deemuun akkas jedhame: ergamaan Rabbii dhufani, ergamaan Rabbii dhufani, ergamaan Rabbii dhufani, yeroo sadi, ani eegasii isaan laaluuf jecha gara namootaatti dhufe, yeroon fuula isaanii argetti, fuulli isaanii akka fuula sobaa hin taanen bare, jalqaba wonti ani isaanii dubbatu dhaga'e akkas jechuu isaaniiti:
«Yaa ilmaan namaa salaamataa facaasaa, nyaata nyaachisaa, firooma fufaa, yeroo namni rafu halkaniin salaataa, nagaadhaan jannata seentuutii».
«يَا أَيُّهَا النَّاسُ، أَفْشُوا السَّلَامَ، وَأَطْعِمُوا الطَّعَامَ، وَصِلُوا الْأَرْحَامَ، وَصَلُّوا بِاللَّيْلِ وَالنَّاسُ نِيَامٌ، تَدْخُلُوا الْجَنَّةَ بِسَلَامٍ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo gara madiinaatti dhufanittti, namoonni isaan arguun ariifatanii gara isaaniitti qajeelani, namoota gara isaaniitti qajeelan keessaa Abdullaah ibnu salaamtu ture -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- inni worra yahuudaa irraa ture, yeroo isaan argetti fuulli isaanii akka fuula nama sobuu hin taane bare; ifa, bareedinaa fi namummaa dhugaa isaan irraa mul'atuuf jecha. jalqaba wonti inni nabiyyii irraa dhaga'ee -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiiwwan jannata seenuuf sababa ta'anitti namoota kakaasuu isaaniiti, isaan keessaas: Inni jalqabaa: nama beektuu fi hin beekne irratti salaamataa facaasuu, isa mul'isuu fi isa heddummeessuudha. lammaffaan: sadaqaa, kennaa fi keessummeessaan nyaata nyaachisuudha. Sadaffaan: nama firummaan karaa abbaatiin yookaan karaa haadhaatiin wolitti si hiitu woliin firooma fufuudha. Afraffaan: yeroo namni rafutti salaata sunnaa halkanii salaatuudha.
Kabajaa salaamataa gidduu muslimootaatti facaasuun jaalatamaa ta'uudha, namni muslima hin taane immoo salaamataan hin eegalamu, yoo Assalaamu alaykum kan jedhu ta'e immoo, wa'alaykum jechuun isatti deebifama.
Sunana Ibnu Maajaa (4/ 397) (3251).
Sunana Tarmizii (4/ 264) (2485).
Musnada Ahmad (39/ 201) (23784).
Dabalata (8)
توضيح الأحكام من بلوغ المرام.
لعبد الله البسام (2/ 454).
منحة العلام في شرح بلوغ المرام.
لعبد الله الفوزان (3/ 299).
فتح ذي الجلال والإكرام.
لابن عثيمين (6/ 440).
سبل السلام بشرح بلوغ المرام.
لمحمد الصنعاني (2/ 693).
Cited in books
2 BooksDabalata (2)
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 6«أيُّهَا النَّاسُ: أفْشُوا السَّلامَ، وأطعمُوا الطَّعامَ، وصَلُّوا باللَّيل والنَّاسُ نيامٌ، تَدْخُلُوا الجَنَّةَ بسَلامٍ».
- نبراس طالب (2)نبراس طالب (2) «يَا أَيُّهَا النَّاسُ، أَفْشُوا السَّلَامَ، وَأَطْعِمُوا الطَّعَامَ، وَصَلُّوا وَالنَّاسُ نِيَامٌ، تَدْخُلُونَ الجَنَّةَ بِسَلَامٍ»