«Namni tolchee wuduu'a godhatee eegasii jumu'aa dhufuudhaan, callisee khuxbaa dhaggeeffate jumu'aa isa kanaa fi jumu'aa itti aanu gidduutti wonti inni dalage isaaf dhiifama, akkasuma dabalata guyyaa sadii woliin
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhani:
«Namni tolchee wuduu'a godhatee eegasii jumu'aa dhufuudhaan, callisee khuxbaa dhaggeeffate jumu'aa isa kanaa fi jumu'aa itti aanu gidduutti wonti inni dalage isaaf dhiifama, akkasuma dabalata guyyaa sadii woliin, namni cirracha tuqe dhugaan taphatee mindaa jumu'aa of jalaa balleesse».
«مَنْ تَوَضَّأَ فَأَحْسَنَ الْوُضُوءَ ثُمَّ أَتَى الْجُمُعَةَ فَاسْتَمَعَ وَأَنْصَتَ غُفِرَ لَهُ مَا بَيْنَهُ وَبَيْنَ الْجُمُعَةِ وَزِيَادَةُ ثَلَاثَةِ أَيَّامٍ، وَمَنْ مَسَّ الْحَصَى فَقَدْ لَغَا».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni arkaana isaa, sunnaa isaatii fi namuusa isaa guutee tolchee wuduu'a godhate, eegasii gara salaata jumu'aatti dhufuudhaan callisee khuxbaa dhaggeeffate, waan hin taane irraa callise; Rabbiin badiiwwan xixiqqoo guyyaa kudhaniif akka isaaf dhiiisu himan, sunis salaata jumu'aatii hanga salaata jumu'aa lammaffaatti akkasumas dabalata guyyaa sadii woliin; toltuun fakkaattii isii kudhaniin deebifamti waan taateef jecha. Eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gorsa khuxbaa keessatti darbuuf qalbii itti kennuu dhabuu irraa sodaachisan, akkasuma cirracha tuquu fi waan biroo gosoota tapha ta'anii fi qalbii namaa hataniin taphachuu irraas sodaachisaniiru, namni waan sana hojjate dhugaan taphatee jira, namni taphate immoo mindaa jumu'aa guutuu ta'e keessaa qooda hin qabu.
wuduu'aa guutanii bareechanii godhachuu fi salaata jumu'aa jabeessanii eeggachuutti kakaasuutu keessa jira.
Sadarkaa salaanni jumu'aa qabu.
Khuxbaa jumu'aatiif callisuun dirqama ta'uu isaatii fi haasawaa fi waan biraatiin qabamuu dhabuudha.
Namni yeroo khuxbaan godhamu taphate mindaan isaa hir'atuu woliin salaanni jumu'aa isaa ga'aadha.
Sahiiha Muslim (2/ 588) (857).
Dabalata (6)
نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.
مجموعة من الباحثين (1/ 824).
بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.
لسليم الهلالي (2/ 313).
النهاية في غريب الحديث والأثر.
لابن الأثير(4/ 257).
Cited in books
3 BooksDabalata (3)
- آداب المشي إلى الصلاة"ومن مس الحصى فقد لغا"
- المختصر المفيد للمؤذن والإمام والخطيب وأحكام المساجد«مَنْ مَسَّ الحَصَى فَقَدْ لَغَا»
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 6«مَنْ توضَّأَ فأحسنَ الوُضوءَ، ثُمَّ أتىٰ الجُمُعةَ، فاسْتَمَعَ وأنْصَتَ، غُفرَ لَهُ ما بيْنَه وبينَ الجُمُعةِ وزيادةُ ثلاثَةِ أيَّامٍ، وَمَنْ مسَّ الحَصَىٰ فَقَدْ لَغَا».