Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

39 of 559 cards

Clear filters
«Irra guddaan jihaadaa jecha haqaa mootii jallaa biratti dubbachuudha».
Hasani kan biraatiin Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
«Mallattoo Islaamummaan namichaa toluu irraa, waan isa hin ilaallanne dhiisuu isaati».
Nawawiin akkana jedhe: Hadiisa hasani Tirmizii fi kan birootu gabaase
«Rabbiin dirqamoota dirqama taasiseera, (hojjachuu dhabuun) isaan hin balleessinaa, akkasumas daangaawwan daangesseera, isaan hin tarkaanfatinaa, wantoota gariis haraama taasiseera , isaan hin hojjatinaa, irraanfatee osoo hin taane, rahmata isiniif gochuuf jecha, wantoota garii irraas calliseera, qoqqottanii isaan hin barbaadinaa».
Nawawiin akkana jedhe: Hadiisa hasani Daaraquxniitu -sunana isaa keessatti- fi kan birootu gabaase
"Gosoonni hojiiwwananii jaha, gosoonni namootaa afuri, (gosti hojiiwwanii) lama dirqamsiiftuudha, fakkaataa fakkaataadhaan mindeessuu, toltuun fakkaattii isii kudhaniinii fi toltuun tokko dhibba torbaaniidha, Dirqamsiiftuun lameen: namni osoo waan tokkoollee Rabbitti hin qindeessin du'e jannata seene, namni haala waan tokko Rabbitti qindeessuun du'e ibidda seene, fakkaataa fakkaataan mindeessuun immoo: namni hanga qalbiin isaa beekuttii fi murannoo isaa Rabbiin irraa beekutti toltuu hojjachuu kan yaade toltuu tokkotu isaaf barreeffama, namni hamtuu hojjate hamtuu tokkotu isa irratti barreeffama, namni toltuu tokko hojjate fakkaattii isaa kudhaniin isaaf barreeffama, namni kennaa tokko karaa Rabbii irratti kenne toltuun tokko dhibba torbaan isaaf qabama, Namoonni afran immooo, tokko kan duuniyaa irratti isatti bal'ifamee Aakhiraatti immoo isatti dhiphifamuudha, tokko immoo duuniyaa irratti kan isatti dhiphifamee Aakhiraatti immoo isatti bal'ifamuudha, tokko immoo duuniyaa fi Aakhiraatti kan isatti dhiphifamuudha, tokko immoo duuniyaa fi Aakhiraatti kan isatti bal'ifamuudha".
Hasani Ahmadtu gabaase
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namicha tokko kan kophaa isaa tarree (saffii) duubaa irratti salaatu arganii, salaata isaa irra deebi’ee akka raawwatu isa ajajan.
Hasani Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
Worroonni qur'aana nu qaraasisaa turan waan sahaabota Nabiyyii irraa nutti himani -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan Ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- aayatoota kudhan kan qara'an turani, hanga beekumsaa fi hojii waan isii keessa jiru baranutti barumsa kurnan biroo hin fudhatanu ture, akkasitti beekumsaa fi hojiis waliin baranne jedhani.
Hasani Ahmadtu gabaase
Namni tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee, dhimma wahii keessatti isaan dubbisee, akkas jedheen: "Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete", Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ni jedhan: “Rabbi waliin qixa na gootee? waan Rabbi qofti fedhe” jedhi.
Sanadni isaa hasani رواه ابن ماجه والنسائي في الكبرى وأحمد
«Namtichi amantii hiriyaa isaa irratti tahaa, tokkoon keessan nama hiriyaa taasifatu haa ilaalu».
Hasani Abuu Daawuud Tirmizii fi Ahmadtu gabaasan