Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

36 of 559 cards

Clear filters
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- sujuuda lamaan jidduutti akkana jedhu ture: "Yaa Rabbii kiyya, naaf araarami, yaa Rabbii kiyya, naaf araarami".
Sahiiha Abuu Daawuud, Nasaa'ii, Ibnu Maajaaa fi Ahmadtu gabaasani
Namichi tokko Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhee gaafate: Yaa Ergamaa Rabbii, nuti galaana bahraa irra deemna, bishaan xiqqoo of harkatti qabanna, yoo ittiin wuduu’a raawwanne ni dheebonna, bishaan galaanatiin wuduu’a godhachuu ni dandeenyaa? Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Bishaan isaa qulqulluudha, du'aan isaas halaala».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
Nabiyyii wajjiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- imala tokko keessatti guyyaa tokko osoo deemnuu itti dhiyaadhee, akkana jedheen: Yaa Ergamaa Rabbii: Hojii jannata na galchee ibidda irraa na fageessu natti himi, Isaanis akkana jedhan: «Waan guddaa irraa na gaafatte, innis nama Rabbiin isaaf salphise irratti salphaadha, Rabbiin gabbarta, homaa isa waliin hin hirmaachiftu, Salaata raawwatta, zakaa ni kennita, Ramadaana ni soomta, Mana Rabbii hajjii ni goota». Eegasii akkana jedhan: «Ani hulaalee kheyrii irratti si qajeelchuu?: Soomni gaachana, sadaqaan akkuma bishaan ibidda dhaamsu dilii namaa dhaamsa, salaata namichaati halkan keessatti». ni jedhe: Eegasii ni qara'an: {Cinaachi isaanii bakkoolee hirriibaa irraa ni fagaatti} eddoo {Ya'amaluun}» jedhu hanga gahanitti, eegasii akkana jedhan: «Mataa dhimmichaa hundaa fi utubaa isaati fi fiixxee dalluu isaa sitti hin himuu ree?» Anis akkana jedheen: Eeyyee yaa Ergamaa Rabbii, ni jedhan: «Mataan dubbii Islaamummaadha, utubaan isaa salaata, fiixxeen dalluu isaa jihaada». Eegasii akkana jedhan: «Waan kana hundumaa walitti qabatu sitti himuu?» Anis akkana jedheen: Eeyyee yaa Nabiyyii Rabbii, Arraba isaanii qabatanii akkana jedhan: «Kana of irratti qabi» nan jedheen: Yaa Nabiyyii Rabbii, nuti Dhugumattis waan dubbannuuf jecha ni qabamnaa? Isaanis akkana jedhan: «Yaa Mu'aaz haati kee si haa dhabdu! miidhaa arraba isaanii malee namoota fuula isaaniitiin ykn funyaan isaanitiin ibidda keessatti isaan ni kuffisaa?».
Sahiiha walitti qabama karaalee isaatiin Tirmizii, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
«Namni salaata zuhrii duraa fi boodatti rak’aa afur salaatuu irratti tikfate Rabbiin ibidda irratti isa haraama taasiseera».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan