Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

36 of 559 cards

Clear filters
«Dubartiin hayyama waliyyii ishee malee heerumte kamiyyuu, gaa’elli ishee seera qabeessa miti -yeroo Sadii- yoo ishee waliin qunnamtii saalaa raawwate, sababa saniif mahriin isheef dirqama taha, yoo wal dhabdee keessa seenan sulxaanni waliyyii nama waliyyii hin qabneeti».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
"Guyyaa qiyaamaa Rabbiin ummata koo irraa nama wohii uumama fuulduratti adda isa baasee, galmee sagaltamii sagal isatti gadi baasa, galmeen hunduu hanga agartuu ijaati, eegasii ni jedhaan: kana irraa waa tokko ni mormitaa? barreessitoonni koo eegdonni si miidhanii jiruu? innis ni jedha: lakkii yaa Rabbii kiyya, Rabbiin ni jedhaan: rakkoo himattu ni qabdaa? ni jedha: lakkii yaa Rabbii kiyya, Rabbis ni jedha: ee toltuutu nu bira siif jira, dhugumatti hardha sirratti miidhaan kamuu hin jiru, eegasii kaardii isii keessa: haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru Muhammad immoo gabricha Isaatii fi ergamaa Isaati jettuutu gadi baafama, eegasii Rabbiinis ni jedha: miizaana kee irratti argami, namtichiis ni jedha: kaardittiin tun galmee hedduu kana biratti maali isiin yaa Rabbii kiyya? Rabbiinis ni jedha: ati dhugumatti hin miidhamtu, ni jedhe: galmeewwan gama tokkoon kaardittiin immoo gama tokkoon miizaana irra ka'amtee jennaan galmeewwan kuftee, kaardittiin ulfaatte, maqaa Rabbii waliin wanni ulfaatu hin jiru".
Sahiiha Tirmizii fi Ibnu Maajaatu gabaasani
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bitaa isaaniitiin hariira qabatanii, mirga isaanitiin immoo worqii qabatanii, eegasii hariiraa fi worqiin harka isaanii lameen ol qabuun, akkas jedhani: «Kun lameen dhiira ummata kootii irratti haraama, dubartoota isaaniitiif immoo halaala».
Sahiiha Abuu Daawuud, Nasaa'ii fi Ibnu maajaatu gabaasan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra hedduu waan jannata nama seensisuu irraa gaafatamanii, akkas jedhani: "Sodaa Rabbiitii fi haala toluudha" akkasumas irra hedduu waan ibidda nama seensisuu irraa gaafatamanii akkas jedhani: "Afaanii fi qaama saalaati".
Hasani Sahiiha Tirmizii, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
«Namni haadha manaa lama qabaatee gara takkatti dabe, guyyaa qiyaamaa cinaachi isaa gara tokkotti dabee dhufa».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
"Du'aa'iin (kadhaan) inni ibaadaadha", eegasii Aayaa qur'aanaa tan hiikkaan isii akkas jedhu qara'ani: "Rabbiin keessan ni jedhe: na kadhaa isiniifan owwaadhaa, dhugumatti isaan ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta'anii, jahannam seenuuf jiru".[Gaafir: 60]
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- khuxbaa dhimmaa nu barsiisani: Innal hamda lillaahi, Nasta'iinuhuu Wa Nastaghfiruhuu, Wa Na'uuzu billaahi Min Shuruuri Anfusinaa, Man yahdi Allaahu Falaa Mudilla Lah, Waman Yudlil Falaa Haadiya Lah, Wa Ash-hadu An Laa Ilaaha Illallaah, Wa Ash-hadu Anna Muhammadan Abduhuu Wa Rasuuluh, {Yaa Ayyuha Annaasu Ittaquu Rabbakumu Allazii Khalaqakum Min Nafsin Waahidatin WaKhalaqa Minhaa Zawjahaa Wabassa Minhumaa Rijaalan kasiiran Wa Nisaa'aa Wattaqu Allaaha Allazii Tasaa'aluuna Bihii Wal Arhaama Inna Allaaha Kaana Alaykum Raqiibaa} [Annisaa: 1], {Yaa Ayyuha Allaziina Aamanu Ittaqullaaha Haqqa Tuqaatihii Walaa Tamuutunna Illaa Wa Antum Muslimuun} [Aala Imraan: 102], {Yaa Ayyuha Allaziina Aamanu ittaqullaaha Waquuluu Qawlan Sadiidaa Yuslih Lakum A'amaalakum Wa Yaghfir Lakum Zunuubakum Waman Yuxi'illaaha Wa Rasuulahuu Faqad Faaza Fawzan Aziimaa} [Al-Ahzaab: 70-71].
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan tokko dubbatanii akkas jedhani: «sun kan ta'u yeroo beekumsi baduuf dhihaatedha» yaa ergamaa Rabbii osoo nuti qur'aana qaraanee ilmaan keenya qaraasisnuu, isaanis nu boodaan hanga guyyaa qiyaamaatti ilmaan isaanii qaraasisanii beekumsi akkamitti bada? jedheen, isaanis «haati kee si dhabde yaa ziyaad jechuun!, irra hubataa worra madiinaati jedheen si ilaalan ture, kunoo yahuudonnii fi nasaaraan tawraatii fi injiiliin qara'aa hin jiranuu, garuu immoo waan isaan lamaan keessa jirutti homaa hin hojjatanu!?».
Sahiiha kan biraatiin Ibnu Maajaatu gabaase