Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

5 of 559 cards

Clear filters
"Dirqamummaa isaa amanee akkasuma mindaa isaa Rabbiin irratti herregatee namni ji'a Ramadaanaa soome badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
التصنيف الشرعيفضل الصيام، شهر رمضانموضوعات الحديثالصوم الواجب، النية في الصيام، الإخلاص
«Namichi haala isa herregatuun maatii isaatiif yoo baase inni isaaf sadaqaadha».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
التصنيف الشرعيصدقة التطوع، العشرة بين الزوجين، النفقة على الأولادموضوعات الحديثحق الزوجة، حقوق الأولاد، صدقة التطوع، الإخلاص
Usmaan bin Affaan masjiida ijaaruu barbaade, garuu namoonni sana jibbanii, akkuma jirutti akka isa dhiisu jaallatan, ni jedhe: Ani Rasuula Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan akkana jedhu dhaga'e: "Namni Rabbiif jecha masjiida tokko ijaare, Rabbiin jannata keessatti waan isa fakkaatu isaaf ijaara".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
التصنيف الشرعيفضائل الأعمال الصالحة، أحكام المساجدموضوعات الحديثأحكام المساجد غير الحرمين، الإخلاص
"Hojiin kamuu kan madaalamu niyyaadhaani, namichi kan argatu woma niyyate qofa, namni godaaansi isaa gama Rabbiitii fi Ergamaa Isaatti ta'e, godaansi isaa gamuma Rabbiitii fi Ergamaa Isaati, namni godaansi isaa duuniyaa argachuuf yookaan dubartii fuuchuuf ta'e, godaansi isaas gamuma waan itti godaaneeti ta'a". Jecha Bukhaarii tokko keessatti: "hojiin kamuu kan madaalamu niyyaadhaani, hunda namaatiifuu woma niyyate qofaatu isaaf jira".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
التصنيف الشرعيالهجرة وأحكامها، أعمال القلوبموضوعات الحديثالإخلاص
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waa’ee nama gootummaa, gosaa fi naaf argiidhaaf qabsaa’uu ilaalchisee, kanneen keessaa kamtu karaa Rabbii irratti qabsaa'aadha jechuu irraa gaafatamanii?, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Nama jechi Rabbii ol'aantummaa akka argatuuf loleetu karaa Rabbii keessatti qabsaa'aadha».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
التصنيف الشرعيأعمال القلوب، أحكام ومسائل الجهاد وآدابهموضوعات الحديثفضل الجهاد، الإخلاص، الرياء