Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

3 of 559 cards

Clear filters
Filter
Pick a property to filter by
الفئة المستهدفة1
حجم المحتوى2
التخريج المتعدد1
حجم المحتوى: متوسط
"Fakkeenyi mu’umina Qur’aana dubbisuu akka turungooti, urgaan isaa namatti tola, mi’aan isaas namatti tola, Fakkeenyi mu’umina Qur’aana hin dubbisnee akka timiraati, urgaa hin qabu, mi'aan isaa ammoo mi'aawaadha, Fakkeenyi munaafiqa Qur’aana dubbisuu akka baala rihaanaati, urgaan isaa namatti tola, mi’aan isaa ammoo hadhaa’aa dha, Fakkeenyi munaafiqa Qur’aana hin qaraanee akka harregoogeti urgaa hin qabu, mi'aan isaa ammoo hadhaa’aadha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
التصنيف الشرعيوصف القرآن وفضائله، الإيمان، النفاقموضوعات الحديثتلاوة القرآن، الإيمان
"Munaafiqoota irratti salaanni akkaan ulfaataa ta’e, salaata Ishaa'ii fi fajrii yoo ta’u, osoo waan isaan lamaan keessa jiru beekanii osoo shorrooqiinsalleen taatee isaan lamaan ni dhufu ture, salaanni akka dhaabbattuuf ajaja dabrsee, eegasii nama namoota salaachisu ajaja itti kennee, sana booda dhiirota isaanin waliin tuulaan qoraanii jiru waliin deemee namoota salaata jamaa'aa hin dhufne irratti manneen isaanii dhugumatti ibiddaan gubuu yaadeera".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
التصنيف الشرعيوجوب الصلاة وفضلها وحكم تاركها، فضل صلاة الجماعة وأحكامها، النفاقموضوعات الحديثصلاة الجماعة
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- waa’ee Ansaaraa keessatti akkana jedhan: "Mu’umina malee eenyulleen isaan hin jaallatu, munaafiqa malees namni isaan jibbu hin jiru, nama isaan jaallate Rabbiin isa jaallata, nama isaan jibbe immoo Rabbiin isa jibba".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
التصنيف الشرعيالصحابة وفضلهم، النفاقموضوعات الحديثالحب في الله والبغض في الله، الصحابة رضي الله عنهم