Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

18 of 559 cards

Clear filters
“Kakuun jidduu nuu fi isaanii jiru salaata, namni isa dhiise dhugumatti kafare”.
Sahiiha Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
"Faana ilaallachuun (hoodannaan) shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, -yeroo sadii akkas jedhan-", Nurraa namni tokkolleen kan wanti sun qalbii isaa keessatti hin argamin hin jiru, garuu Rabbiin guddate tawakkulaan sana nurraa adeemsisa.
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
"Namni waan Rabbiin malee jiruun kakate dhugumatti kafare, yookaan Rabbitti waan biraa qindeesse''.
Sahiiha Abuu Daawuud Tirmizii fi Ahmadtu gabaasan
«Namni urjiiwwan irraa beekumsa wohii fudhate falfala irraa damee tokko fudhateera, hanga dabaleen ni dabala».
Sahiiha Abuu Daawuud, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hudaybiyaatti halkan irraa rooba roobee ka'e booda salaata fajrii nuun salaatanii, eega salaata xumaraniin booda namootatti garagaluun akkana jedhan: "Waan Rabbiin keessan jedhe ni beektuu?", namootnis ni jedhan: Rabbumaa fi ergamaa Isaa qofaatu beeka, ergamaanis ni jedhan: "gabroottan koo irraa gariin anatti amanee gariin immoo anatti kafaree bule, namni tola Rabbii fi rahmata Isaatiin roobfamne jedhe inni sun anatti kan amanee fi urjiiwwanitti kan kafareedha, namni sochii urjii akkasii fi akkasiitiin roobfamne jedhe immoo, inni sun anatti kan kafaree fi urjiiwwanitti kan amaneedha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Dhugumatti wanti ani isiniif baay’ee sodaadhu shirkii xiqqaadha" Isaanis ni jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii shirkii xiqqaan maali? Isaanis ni jedhan: “na argiidha, Rabbiin ol ta'e Guyyaa Qiyaamaa, yeroo namoonni hojiilee isaanitiif mindaa argatanitti akkana jedha: Gara warra dur addunyaa keessatti argisiifataa turtanii deematii mindaa akka isaan biraa argattan mee ilaalaa".
Hasani Ahmadtu gabaase
''Namni haala waan tokkollee Rabbitti hin qindeessineen Rabbiin wol gahe jannata seene, namni haala Isatti qindeessuun Isaan wol gahe immoo ibidda seene".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«‌Namni milkii ilaallate yookaan ilaalchifate, yookaan raage yookaan raagameef, yookaan falfale yookaan falfalameef nurraayyii miti namni hirzii hidhe, akkasuma namni raagaa bira dhaqee waan inni jedhu isa dhugeesse dhugaatti waan Muhammadiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irratti bu'etti kafareera».
Hasani Bazzaartu gabaase