Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

26 of 559 cards

Clear filters
Namtichi tokko ni jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, waan jaahiliyyaa (bara doofummaa ergamuu isaaniitiin duraa) keessatti hojjanneen ni qabamnaa?, isaanis ni jedhan: " Islaamummaa keessatti namni tolche waan jaahiliyyummaa keessatti hojjateen hin qabamu, islaamummaa keessatti namni balleesse immoo isa duraa fi isa boodaatiifis ni qabama".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
''Namni haala waan tokkollee Rabbitti hin qindeessineen Rabbiin wol gahe jannata seene, namni haala Isatti qindeessuun Isaan wol gahe immoo ibidda seene".
Sahiiha Muslimtu gabaase
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” .
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
"Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu isaanii hanga ragaa bahanii, salaata dhaabanii, zakaa kennanitti ani namoota mushrika ta'aniin lolutti ajajameera, yoo san hojjatan haqa islaamummaatiin malee dhiiga isaanitii fi qabeenya isaanii narraa tikfatan, herregni keessa isaanii Rabbiin bira jira".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Inni Ergamaa Rabbiitiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhe: Nama kaafiroota irraa ta'e wahii yoon qunnamee, harka koo tokko seyfiidhaan na rukutee narraa ishee kute, eegasii mukatti na jalaa baqatee Rabbiif asallame jedhee, eega inni akkas jedhee isa nan ajjeesaa yaa ergamaa Rabbii mee naaf himi? Ergamaan Rabbitis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Isa hin ajjeesin» innis ni jedhe: yaa ergamaa Rabbii, inni harka koo tokko narraa kutee, eega ishee kutee akkas jedhee bar? Ergamaan Rabbiis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Isa hin ajjeesin, ati yoo isa ajjeefte inni bakka ati osoo isa hin ajjeesin dura turte sanatti ta'ee, ati immoo bakka inni osoo jecha sana hin jedhin ture sanatti taata».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Yaa Ergamaa Rabbiin jedhe: Ibnu juda'aan jaahiliyyummaa keessatti kan firooma fufuu (maxxanfatuu) fi rakkataa nyaachisu ta'e, wanti sun isa ni fayyadaa?, isaanis ni jedhan: "isa hin fayyadu, inni guyyuma tokkollee yaa Rabbii koo guyyaa mindaa sanatti badiiwwan koo naaf dhiisi hin jenne".
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Fakkeenyi mu'umintootaa wal jaallachuu, rahmata waliif gochuu fi garaa waliif laafuu isaanii keessatti akka qaama tokkooti, humni tokko isa irraa yoo dhibame qaamni guutuun hirriiba dhabuu fi leydaa'uudhaan isaan waliin dhibama".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Munaafiqoota irratti salaanni akkaan ulfaataa ta’e, salaata Ishaa'ii fi fajrii yoo ta’u, osoo waan isaan lamaan keessa jiru beekanii osoo shorrooqiinsalleen taatee isaan lamaan ni dhufu ture, salaanni akka dhaabbattuuf ajaja dabrsee, eegasii nama namoota salaachisu ajaja itti kennee, sana booda dhiirota isaanin waliin tuulaan qoraanii jiru waliin deemee namoota salaata jamaa'aa hin dhufne irratti manneen isaanii dhugumatti ibiddaan gubuu yaadeera".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan