Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

18 of 559 cards

Clear filters
«Waa afur namni isa keessatti argame munaafiqa tahe, isaan keessaa wanti tokko namni isa keessatti argame hanga isa dhiisutti gosti munaafiqummaa tokko isa keessatti ta'e: nama yeroo dubbatetti kijibu, yeroo beellametti diigu, yeroo falmetti daangaa dabruu fi yeroo waadaa (irbuu) seenetti ganu».
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
"Shayxaanni tokkoo keessanitti dhufuun akkas jedha: kana eenyutu uume? kanas enyutu uume? hanga Rabbii kee eenyutu uume? jedhutti itti fufa, yeroo bakka gaaffii kanaa ga'etti Rabbitti maganfatee waan sana irraa haa dhaabbatu".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Mu'aaz ilma Jabaliin yeroo gara yamanitti isa erganitti ni jedhaniin: ''ati ummata wohii kan worra kitaaba kennaman irraa ta'anitti dhufta, yeroo isaan bira dhuftetti haqaan gabbaramaan Allaaha malee akka hin jirree fi dhugumatti Muhammad ergamaa Allaahaa akka ta'e gara Ragaa ba'utti isaan waami yoo isaan sana kan sirraa qeebalan ta'e, guyyaa fi halkan hunda keessatti akka Rabbiin isaan irratti salaata shan dirqama taasise isaanitti himi, yoo isaan sana kan sirraa qeebalan ta'e, Rabbiin zakaa dureessowwan isaanii irraa fuudhamtee hiyyeessota isaaniitti deebitu dhugumatti dirqama akka isaan irratti taasise isaanitti himi, yoo isaan sana kan siif qeebalan ta'e, adaraa qabeenyawwan isaanii qaqqaalii irraa of eegadhu, kadhaa miidhamaa sodaaadhu, dhugumatti isaa fi Rabbiin gidduu girdoon hin jiruutii''.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” .
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nin jedhe:Yaa ergamaa Rabbii, jaahiliyyaa keessatti sadaqaa yookaan gabra bilisa baasuu fi firooma fufuu irraa wantoota an ittiin gabbara raawwadhuutu ture, isii keessatti mindaan naaf jiraa? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "toltuu darbee waliin islaamummaa fudhatte".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namni tokko nama biraa faasiqa (kan Rabbiin dide) jedhee yoo darbate(arrabse), akkasumas kufriin yoo isa darbate, wanni sun irratti deebi'u malee hin hafu, yoo namichi inni arrabse sun akkas tahe malee».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Waa afur namni isa keessatti argame munaafiqa qulqulluu ta'e, isaan keessaa wanti tokko namni isa keessatti argame hanga isa dhiisutti gosti munaafiqummaa tokko isa keessatti ta'e: yeroo dubbatetti ni kijiba,yeroo irbuu seenetti ni gana, yeroo beellametti ni diiga, yeroo falmetti daangaa darba».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan dhugaa dubbataa dhugeeffamaa kan ta'an akkas jechuun nuuf odeessan: «uumamni tokkoo keessanii garaa haadha isaa keessatti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf wolitti qabama, eegasii guyyootuma fakkaataa sanaa keessatti dhiiga itite ta'a, eegasii ammas guyyootuma fakkaataa sanaa keessatti foon cittuu ta'a, eegasii malaaykaan gara isaatti ergamee, jechoota afuritti ajajama, rizqii isaa, beellama du'a isaa, hojii isaa fi hoonga'aa yookaan milkaa'aa ta'uu isaa barreessa, eegasii lubbuu isatti afuufa, dhugumatti tokkoon keessan hanga isaafi jannata gidduutti dhundhuma tokko malee hin hafnetti hojii worra jannataa hojjatee, kitaabni isa irratti barreeffame isa dursuun hojii worra ibidda hojjatee ibidda seena. akkasuma dhugumatti tokkoon keessan hanga isaa fi ibidda gidduutti dhundhuma tokko malee hin hafnetti hojii worra ibiddaa hojjatee, kitaabni isa irratti barreeffame isa dursuun hojii worra jannataa hojjatee jannata seena».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan