عربي - Arabic English Qafár af - Afar Afrikaans - Afrikanns Akan Shqip - Albanian አማርኛ - Amharic Հայերեն - Armenian অসমীয়া - Assamese Azərbaycanca - Azerbaijani Bamanankan - Bambara Bassa Bemba বাংলা - Bengali Bosanski - Bosnian Български - Bulgarian မြန်မာဘာသာ - Burmese Bisaya - Cebuano Cham Нохчий - Chechen chiCheŵa - Chewa 中文 - Chinese Адыгэбзэ - Circassian Hrvatski - Croatian Česky - Czech Dagbani Dansk - Danish فارسی دری - Dari Dendi ދިވެހި ބަސް - Dhivehi Nederlands - Dutch إستوني - Estonian Suomi - Finnish Français - French Fulfulde - Fula ქართული - Georgian Deutsch - German Ελληνικά - Greek ગુજરાતી - Gujrati Kreyòl ayisyen - Haitian Creole Hausa हिन्दी - Hindi Magyar - Hungarian Igbo Indonesia - Indonesian Italiano - Italian 日本語 - Japanese Jóola - Jola ಕನ್ನಡ - Kannada Қазақша - Kazakh ភាសាខ្មែរ - Khmer Kikuyu Ikinyarwanda - Kinyarwanda Ikirundi - Kirundi 한국어 - Korean كوردی سۆرانی - kurdish كوردي kurmancî - Kurmanji Kyrgyz ລາວ - Lao latviešu - Latvian Lingala lietuvių - Lithuanian Luganda Македонски - Macedonian Maguindanaon Malagasy - Malagasy Bahasa Melayu - Malay മലയാളം - Malayalam Mandinka मराठी - Marathi Mõõré - Moore नेपाली - Nepali أنكو - NKo Norwegian ଓଡ଼ିଆ - Odia oromoo - Oromo پښتو - Pashto فارسی - Persian Polski - Polish Portuguese ਪੰਜਾਬੀ - Punjabi Română - Romanian Русский - Russian Српски - Serbian Shona සිංහල - Sinhala Slovenščina - Slovenian Soomaaliga - Somali Soninke Sesotho - Sotho Español - Spanish Kiswahili - Swahili Svenska - Swedish Tagalog Тоҷикӣ - Tajik தமிழ் - Tamil తెలుగు - Telugu ไทย - Thai ትግረኛ - Tigrinya Türkçe - Turkish Ukrainian اردو - Urdu ئۇيغۇرچە - Uyghur Ўзбек - Uzbek Việt Nam - Vietnamese Wolof Yao Yorùbá - Yoruba Zarma زولو - Zulu
559 Hadiths
Encyclopedia of Prophetic Hadiths
Categories
Grading
Narrated in
Narrator
«Yaa Ilmaan namaa, Rabbiin gaarii dha, waan gaarii malee namarraa hin qeebalu, Rabbiin waan ergamtoota itti ajajetti mu'umintootas ajaje, Rabbiin akkas jedhe: {Yaa Ergamtoota wantoota gaggaarii irraa nyaadhaa dalagaa gaaris dalagaa, dhugumatti ani waan isin hojjettan hunda beekaadha} [Al-Mu'uminuun: 51]. ammas akkas jedhe: {Yaa warra amantan wantoota gaggaarii nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa} [Al-Baqaraa: 172]. Eegasii namicha imala dheeressu kan mataan isaa faaggaa dhukkeen itti baay'atu tokko dubbatan, harka isaa gara samiitti ol qabee Yaa Rabbi, Yaa Rabbi jedha, nyaanni isaa haraama, dhugaatin isaa haraama, uffanni isaas haraama, haraamaanis guddate, akkamitti isaaf awwaatama?».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Rabbiin warra nama miidhuuf yeroo qabaaf, yeroo isa qabetti immoo gad isa hin dhiisu» ni jedhe: eegasii Aayaa qur'aanaa kana qara'ani: «{Akkuma kana Qabaan Rabbii keetii yeroo (warra) magaalota haala isiin miidhaa hojjattuun isii qabe, qabaan isaa akkaan laalessaa akkaan jabaadha} [suuraa Huud: 102]».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhan: "Rabbiin akkana jedhe: Ilmi Aadam na kijibsiise, sun isaaf hin ta'u ture, Ilmi Aadam na arrabse, sun isaaf hin at'u ture,
na kijibsiisuun isaa, akka dura na uumetti na hin deebisu jechuu isaati, uumisi jalqabaa anaaf isa deebisuu irra salphaa miti, Na arrabsuun isaa ammoo, Rabbiin ilmoo godhateera jechuu isaati, ani tokkicha hirkoo waa hundaati, hin dhallee hin dhalannes, hiriyaan tokkos anaaf hin taane".
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
«Addunyaa tana keessatti gabrichi gabricha biraa hin sattaru, Rabbiin guyyaa qiyaamaa isa sattaru malee».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Rabbi ol ta’e akkana jedha: Ani yaada gabricha koo bira jira, yeroo inni na yaadatu isa waliin jira, yoo inni lubbuu ofii keessatti na yaadate, anis of keessatti isa yaadadha, yoo inni jamaa'aa keessatti na yaadate, ani immoo jamaa'aa sana irra caalaa keessatti isa yaadadha, yoo inni hanga taakkuu tokkoo natti dhihaate ani immoo dhundhuma tokkoon itti dhihaadha, yoo inni dhundhuma tokkoon natti dhihaate, ani hanga bal'ina harkaatin itti dhihaadha, yoo inni deemaa natti dhufe, ani immoo suksukaa itti dhufa».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Rabbiin keenya -guddatee ol ta'e- halkan hunda yeroo halkan harka sadi keessaa inni xumuraa hafutti gara samii duuniyaatti bu'a, ni jedha: «Eenyu kan na kadhatu isaafan owwaadha? eenyu kan na gaafatu isaafan kenna? eenyu kan araarama narra barbaadu isaafan araarama?».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan