Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

19 of 559 cards

Clear filters
«Qabriiwwan irra hin taa'inaa, isiitti gara galtaniis hin salaatinaa».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Gaafa Ergamaa Rabbiitti -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- duuti dhufte, uffata isaanii wahii fuula ofii irratti darbachuu eegalan, yeroo isiin ukkaamaman fuula isaanii irraa isii saaqu, utuu kana keessa jiranuu akkana jedhan: “Abaarsi Rabbii Yahuudootaa fi Kiristaanota irratti haa ta’u, qabrii nabiyyoota isaanii bakka itti salaatan godhatan” dalagaa isaanii irraa akeekachiisa kennu.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Booda Nabiyyiitti -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- Harree ufayr isaan jedhamu irratti duubaan yaabbadhee osoon jiruu, akkana naan jedhani: "Yaa Mu'aaz! haqa Rabbii kan gabroota Isaa irra jiruu fi haqa gabrootaa kan Rabbirra jiru ni beektaa?", Rabbii fi ergamaa Isaatu beekan jedhe, Ergamaanis ni jedhani: "Haqni Rabbii kan gabroota Isaa irra jiru Isa gabbaruu fi homaa Isatti qindeessuu dhabuudha, haqni gabroonni Rabbirraa qaban immoo nama Isatti homaa hin qindeessine azzabuu dhabuudha", nan jedhe: yaa Ergamaa Rabbii namootaa ittiin gammachiisuu? Ergamaanis ni jedhani: "isaan hin gammachiisin, ni hirkataniitii (kanuma irratti hirkatanii hojii biraa dhiisu waan ta'eef jecha)".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namni Laa Ilaaha Illallaah jedhee, waan Rabbii gaditti gabbaramutti kafare qabeenyi isaatii fi dhiigni isaa haraama ta'a, herregni isaa immoo Rabbiin irra».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Aliyyii ibnu Abii Xaalib akkas naan jedhe: waan ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ittiin na erganiin si erguu? siidaa kamuu isa dhabamsiiftu malee akka isa hin dhiifne, qabrii ol ka'ee mul'atu kamuu wol qixxeessitu malee akka hin dhiifne.
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Taabotaan hin kakatinaa, akkasumas abboota keessaniinis hin kakatinaa».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Garii imala isaanii keessatti Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waliin turee, akkana jedhe: namootaa bakka bultuma isaanii jiranuu ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuun ergamaa wohii ergani: «Morma gaalaa kamuu irratti fannoo hidhaa xiyyaa irraa ta'e yookaan fannoon kamuu kutamu malee akka hin hafne».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ummu Salaamaan Ergamaa Rabbiitiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bataskaana Maariyah jedhamtu biyya Habashaa keessatti argite dubbatte, suuraa adda addaa irraa waan ishee keessatti argite itti himte. Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: “Isaan sun ummata yeroo gabrichi gaariin, yookaan namni gaariin isaan gidduutti du’e qabrii isaa irratti masjiida ijaaranii, suuraalee sana isa keessa kaayani warri sun Rabbiin biratti irra badoo uumamaati”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan