Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

36 of 559 cards

Clear filters
"Isa lubbuun koo harka Isaa keessa jirtuun kakadhee, ilmi Maryam (Iisaan) haala daanyaa murtii haqaan murteessu ta'een isin keessatti bu'uun isaa ni dhihaata, yeroo sanatti fannoo kiristaanaa ni cabsa, karkarroo ni ajjeesa, gibira ni murteessa, horiinis hanga namni tokko kan isa qeebalu hin jiraannetti gad dhangal'a".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Miilli gabrichaa lamaan guyyaa qiyaamaa hin sochootu, umrii isaa maal keessatti akka fixe, beekumsa isaa maal akka itti hojjete, qabeenya isaa eessarraa akka carraaqee fidee fi maal keessatti akka isa baasee fi qaama isaa maal keessatti akka fixe irraa hanga gaafatamutti".
Sahiiha Tirmiziitu gabaase
«Muslimni qabrii keessatti yeroo gaafatame, Rabbiin malee gabbaramaan haqaa akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa ba’a», Kun jecha Rabbiiti: {Rabbiin warra amanan jecha jabaadhaan jireenya duuniyaa fi aakhiraa keessatti raggaasisa} [suuraa Ibraahim: 27].
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Rabbiin lafa qabee, harka mirga Isaatiin samii walitti maree, eegasii akkana jedha: Ani mooticha, mootonni lafaa eessa jiru?”
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Hanga yeroon walitti dhihaatutti qiyaamaan hin dhaabbattu, sababaa sanaan waggaan akka ji’aa, jiini akka torbaanii, torbaan immoo akka guyyaa, guyyaan immoo akka sa’aatii, sa'aatiin immoo akka gubachuu baala damee muka timiraa ta'a".
Sahiiha Ahmadtu gabaase
nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan tokko dubbatanii akkas jedhani: «sun kan ta'u yeroo beekumsi baduuf dhihaatedha» yaa ergamaa Rabbii osoo nuti qur'aana qaraanee ilmaan keenya qaraasisnuu, isaanis nu boodaan hanga guyyaa qiyaamaatti ilmaan isaanii qaraasisanii beekumsi akkamitti bada? jedheen, isaanis «haati kee si dhabde yaa ziyaad jechuun!, irra hubataa worra madiinaati jedheen si ilaalan ture, kunoo yahuudonnii fi nasaaraan tawraatii fi injiiliin qara'aa hin jiranuu, garuu immoo waan isaan lamaan keessa jirutti homaa hin hojjatanu!?».
Sahiiha kan biraatiin Ibnu Maajaatu gabaase
"Yeroo mu'azzina dhageessan waan inni jedhu jedhaa, ergasii salawaata na irratti buusaa, namni ana irratti salawaata tokko buuse Rabbiin isa irratti kudhan buusa. Ergasii Wasiilaa naaf kadhaa, isiinis jannata keessaa sadarkaa guddaadha, gabroota Rabbii keessaa isa cimaaf malee nama tokkoof hin taatu. namni sun ana akka tahu hawwa. namni Wasiilaa naaf kadhate shafa'aan kiyya isaaf raggaate".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Namni yeroo azaana dhagahu akkas jedhe: "Yaa Rabbii, Gooftaa waamicha guutuu fi salaata yeroo hunda raawwatamu kanaa, Muhammadiif eddoo guddaa fi sadarkaa kenniif, gara eddoo faarfamaa isa ati waadaa galteettis isa ol kaasi" shafaa'aan koo guyyaa qiyaamaa isaaf raggaate».
Sahiiha Bukhaariitu gabaase