Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

28 of 559 cards

Clear filters
"Yahuudaa woliin wol loltanii hanga dhagaan booda isaa yahuudaan jiru: yaa muslima kun booda koo kan jiru yahuudaadha isa ajjeesi jedhutti qiyaamaan hin dhaabbatu".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bira turree, halkan tokko -isheen halkan kudha afraffaati- gara ji'aa ilaalanii, akkas jedhan: "Isin Gooftaa keessan akkuma ji'a kanaa argitaniitti arguuf teessan, Isa arguufis wal hin rakkiftan. Yoo salaata osoo aduun hin bahinii fi osoo hin lixinii irratti moo'atamuu dhabuu dandeessan, hojjadhaa, eegasii ni qara'an: "{Osoo aduun hin bahinii fi osoo aduun hin lixin Rabbii kee faarsuun wajjiin qulqulleessi}".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Abbaan warqii fi meetii kan waan irraa kaffaluun dirqama ta'e kan hin kaffalle guyyaa Qiyaamaa gabateen ibiddaa isaaf diriirfamu malee hin hafu, ibidda Jahannam keessatti ishee irratti oo'ifama, cinaachi isaa, addi isaa fi dugdi isaa isheedhaan gubama, yeroo qabbanaa'e hunda deebi'ee isaaf oo'ifama, guyyaa tilmaamni isaa waggaa kuma shantamatti lakkaa'amu keessatti akkasitti tura, hanga jidduu gabrootatti murtiin godhamee, karaa isaa gara Jannataa ykn gara ibiddaa ta'uu argutti».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Booda ummata kootii keessatti namoonni waan isinii fi abbootiin keessan hin dhagahin isinitti himan ni argamu, warra akkasii san irraa fagaadhaa”.
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Mee waa’ee Dajjaal irraa dubbii tokko kan nabiyyiin tokkolleen ummata isaatti hin himin isinitti hin himuu? Ijji isaa jaamaadha, fakkeenya jannataa fi azaabaa of waliin qabatee dhufa, Isheen inni jannata jedhuun ibidda, Ani ammoo akkuma Nuuh ummata isaa isa akeekkachiise isa isin akeekkachiisa».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Isa lubbuun koo harka Isaa keessa jirtuun kakadhee, ilmi Maryam (Iisaan) haala daanyaa murtii haqaan murteessu ta'een isin keessatti bu'uun isaa ni dhihaata, yeroo sanatti fannoo kiristaanaa ni cabsa, karkarroo ni ajjeesa, gibira ni murteessa, horiinis hanga namni tokko kan isa qeebalu hin jiraannetti gad dhangal'a".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Muslimni qabrii keessatti yeroo gaafatame, Rabbiin malee gabbaramaan haqaa akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa ba’a», Kun jecha Rabbiiti: {Rabbiin warra amanan jecha jabaadhaan jireenya duuniyaa fi aakhiraa keessatti raggaasisa} [suuraa Ibraahim: 27].
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Rabbiin lafa qabee, harka mirga Isaatiin samii walitti maree, eegasii akkana jedha: Ani mooticha, mootonni lafaa eessa jiru?”
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan