Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

4 of 559 cards

Clear filters
"Dhaga'aa! nama wohii osoo inni siree isaa irra hirkatee jiruu hadiisni ana irraa isa qaqqabee jennaan, akkas jedha: gidduu keenyaa fi gidduu keessanitti kitaabni Rabbii jira, waan isa keessatti halaala ta'ee argine halaala godhanna, waan isa keessatti haraama ta'ee argine haraama godhanna, dhugumatti wanti ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- haraama godhe akkuma waan Rabbiin haraama godheeti".
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaatu gabaasani
"Guyyaa qiyaamaa Rabbiin ummata koo irraa nama wohii uumama fuulduratti adda isa baasee, galmee sagaltamii sagal isatti gadi baasa, galmeen hunduu hanga agartuu ijaati, eegasii ni jedhaan: kana irraa waa tokko ni mormitaa? barreessitoonni koo eegdonni si miidhanii jiruu? innis ni jedha: lakkii yaa Rabbii kiyya, Rabbiin ni jedhaan: rakkoo himattu ni qabdaa? ni jedha: lakkii yaa Rabbii kiyya, Rabbis ni jedha: ee toltuutu nu bira siif jira, dhugumatti hardha sirratti miidhaan kamuu hin jiru, eegasii kaardii isii keessa: haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru Muhammad immoo gabricha Isaatii fi ergamaa Isaati jettuutu gadi baafama, eegasii Rabbiinis ni jedha: miizaana kee irratti argami, namtichiis ni jedha: kaardittiin tun galmee hedduu kana biratti maali isiin yaa Rabbii kiyya? Rabbiinis ni jedha: ati dhugumatti hin miidhamtu, ni jedhe: galmeewwan gama tokkoon kaardittiin immoo gama tokkoon miizaana irra ka'amtee jennaan galmeewwan kuftee, kaardittiin ulfaatte, maqaa Rabbii waliin wanni ulfaatu hin jiru".
Sahiiha Tirmizii fi Ibnu Maajaatu gabaasani
Yeroo Aayaan tun buute: {Ergasii wallaahi guyyaa san qananii irraa ni gaafatamtan} [Attakaasur: 8] Azzubeyr akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii qananii kam irraa gaafatamna, gurraacha lamaan , timiraa fi bishaan qofaa? isaanis ni jedhan: "Inni ni ta'a".
Hasani Tirmizii fi Ibnu Maajaatu gabaasani
nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan tokko dubbatanii akkas jedhani: «sun kan ta'u yeroo beekumsi baduuf dhihaatedha» yaa ergamaa Rabbii osoo nuti qur'aana qaraanee ilmaan keenya qaraasisnuu, isaanis nu boodaan hanga guyyaa qiyaamaatti ilmaan isaanii qaraasisanii beekumsi akkamitti bada? jedheen, isaanis «haati kee si dhabde yaa ziyaad jechuun!, irra hubataa worra madiinaati jedheen si ilaalan ture, kunoo yahuudonnii fi nasaaraan tawraatii fi injiiliin qara'aa hin jiranuu, garuu immoo waan isaan lamaan keessa jirutti homaa hin hojjatanu!?».
Sahiiha kan biraatiin Ibnu Maajaatu gabaase