Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

4 of 559 cards

Clear filters
«Humna ilma namaa guutuu irra sadaqaatu jira, guyyaa aduun baatu hundatti nama lama walitti araarsuun sadaqaadha, nama tokko yaabbii isaa akka yaabbatu ykn meeshaa isaa akka irratti fe'atu gargaaruun sadaqaadha, jechi gaariin sadaqaadha, tarkaanfiin inni gara salaatatti godhu hundi sadaqaadha, wantoota miidhaa geessisan karaa irraa deemsisuun sadaqaadha».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Humna qaama namaa hunda sadaqaatu irratti jira guyyaa aduun baatu hundakeessatti. nama lama jidduutti araara buusuun sadaqaadha, yaabbii isaa irratti namicha gargaaruun, gargaartee isa yaabbachiisuun yookaan meeshaa isaa ol fuutee irra kaa'uun sadaqaadha, jechi gaariin sadaqaadha, tarkaanfiin gara salaataatti deemtu hunduu sadaqaadha, karaa irraa waan nama rakkisu kaasuunis sadaqaadha».
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
"Namni ajajamuu dhiisee jamaa'aa muslimtootaa irraa adda bahee du’e, du’a wallaalummaa du’a, Namni alaabaa gosaatin, garee tokko jalatti qabsaa’e kan garee sanaaf dheekkamu ykn garee sanatti waamu, ykn garee osoo tumsuu ajjeefame inni ajjeechaa wallaalummaa ajjeefame, Namni ummata kiyya irratti fincila kaase, nama qajeelaa fi kan safuu hin qabne irrattis duulu, kan mu'uminootaaf dantaa hin qabne, kan waadaa gale hin raawwanne, inni ana irraa anis isa irraa miti".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Amantiin islaamaa laafaadha, namni tokko humnaa ol isa jabeessee isa injifatu malee hin hafu, giddu galeessa ta'aa, itti dhiheessaa, abshiraa haamilee horadhaa, ibaadaa barii, ibaadaa galgalaa fi hanga ta'e ibaadaa dhuma halkaniitiin of gargaarsifadhaa».
Sahiiha Bukhaariitu gabaase