Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

16 of 559 cards

Clear filters
Yaa Nabiyyii Rabbii, bulchitoonni haqa isaanii nu gaafatan, haqa keenya immoo kan nu dhoorgatan yoo nurratti taayitaa argatan mee maalitti nu ajajja? irraa garagalan, eegasii deebi'ee isaan gaafatee jennaan, ammas irraa garagalan, eegasii yeroo lammaffaa ykn sadaffaatif isaan gaafatee jennaan, Al-Ash'as bin Qeysii isa harkise, isaanis akkana jedhan: «Dhaga'aa ajajamaa, wanti isaan baachifaman isaan irra jira, wanti isin baachifamtanis isin irra jira».
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Osoo dhimmi keessan nama tokko irratti walitti qabamee jiruu, nama gargar isin baasee tokkummaa keessan balleessuuf gara keessan dhufe ajjeesaa".
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Yaa Rabbi nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaan rakkise ati isa rakkisi, nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaanitti laaffise ati isatti laaffisi".
Sahiiha Muslimtu gabaase
“Mootonni ni argamu, isinis hojii isaanii irraa waan beektanii jaallattanii fi waan mormitan qabdu, Kanaafuu namni beeke bilisa baha, namni morme immoo nagaa ta’a, namni jaallatee isaan duuka bu'e ni bada" ni jedhan (sahaaboonni): Nuti isaanin loluu hin qabnuu? Isaanis ni jedhan: “Lakkii, waan isaan salaata salaataniin”.
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Isin irraa namni badii wohii arge harka isaatiin haa jijjiiru, kana yoo hin dandeenye arraba isaatiin, kanas yoo hin dandeenye immoo qalbii isaatiin, sun garuu irra dadhabaa iimaanaati".
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Isin hunduu tikseedha, waan tiksu irraa gaafatamaasi, Bulchaan ummataa tikseedha, waan tikse irraa ni gaafatama, namni dhiiraa mana isaa irratti tiksee dha, waan tikse irraa ni gaafatama, dubartiin mana abbaa warraa ishee fi ijoollee isaa irratti tiksee dha, waan tiksite irraa ni gaafatamti, gabrichi tiksee qabeenya gooftaa isaati, waan tikse irraa ni gaafatama, dhagahaa! Isin hunduu tiksee dha, waan tiksitan irraa ni gaafatamtan".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaa Rabbiitif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo rakkinaa fi yeroo bal'inaattis, yeroo hawwinuu fi yeroo jibbinuttis dhagayuu fi ajajamuuf, akkasumas nu irratti dhiibbaan uumamus, dhimma tokkollee warra dhimmichaa waliin wal falmuu dhiisuuf , akkasumas bakka jirru hundatti dhugaa dubbachuuf, Allaahif jennee, komii komataa sodaatuu dhabuuf amanamummaan waadaa seenneerra.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Amantaa jechuun gaarii yaaduudha" ni jenne: eenyuufi? ni jedhan: "Rabbiifi, kitaaba Isaatiifi, ergamaa Isaatiif, dureewwan muslimootaatii fi hunduma isaanitiifi".
Sahiiha Muslimtu gabaase