Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

5 of 559 cards

Clear filters
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafa tokko nu gidduu dhaabbatanii gorsa jabaa qalbiin irraa sodaattee ijji irraa imimmaan dhangalaafte nu gorsan, eegasii ni jedhame: yaa ergamaa Rabbii gorsa nama nagaa namatti dhaammatuu nu gorsitanii, nuu dhaamaa, isaanis ni jedhan: "Rabbiin sodaadhaa, (namni isinirratti moohe) gabricha habashallee osoo tahee dhagayuu fi ajajamuufii qabdan, Ana boodaa waldhabdee jabaadha arguuf teessanii, Sunnaa kiyyaa fi Sunnaa Khaliifota kiyya kan qajeeloo qajeelfamoo ta'anii qabadhaa, ilkaan a'ootiin isirratti ciniinaa, wantoota haaraa bid'aa ta'an irraa fagaadhaa, hundummaan bid'aatuu jal’ina waan ta’eef".
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
«Namoonni nama zaalima (miidhaa) yeroo arganii harka isaa lamaan hin qabin/ tarkaanfii irratti yoo hin fudhatin Rabbiin adabbii isaatiin isaan walitti qabuun ni dhihaata».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'iin Al-Kubraa keessatti, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
«Irra guddaan jihaadaa jecha haqaa mootii jallaa biratti dubbachuudha».
Hasani kan biraatiin Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
«Sodaa Rabbiin isiniif dhaama, akkasumas gabrichi habashaa irraa ta’e yoo isin irratti duree ta’ellee, isa dhaga’uu fi isaaf ajajamuun isiniif dhaama, Namni isin irraa jiraate wol dhabbii hedduu arguuf taa’a, adaraa karaa kootii fi karaa khaliifota qajeeloo fi qajeelfamoo ta’anii qabadhaa, qarriffaadhaan ciniinaa qabadhaa, adaraa wantoota (diinii keessatti) khalaqaman irraa of eeggadhaa, hundi wantoota haaraa diinii keessatti khalaqamanii jallina waan ta'eef jecha».
Sahiiha Abuu Daawuudii fi Tirmiziitu gabaasani
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- guyyaa injifannoo Makkaa ummata gorsanii akkas jedhan: "Yaa Ilmaan namaa! Rabbiin ba’aa wallaalummaa fi abbaa ofiitin of tuuluu isin irraa buqqiseera. Namoonni bakka lamatti qoodamu: Nama Qajeelaa Rabbiin sodaatu kan Rabbiin biratti kabaja qabuudha, kaan ammoo Nama gadhee jallaa Rabbiin biratti xiqqaataadha. Namoonni ilmaan Aadami, Aadam ammoo Rabbiitu biyyee irraa isa uume, Rabbiin akkas jedhe: {Yaa Ilmaan namaa! Nuti dhiiraa fi dubartii irraa isin uumne, akka isin wal beektaniif jecha sabootaa fi gosoota isin taasifne, Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan irra Rabbiin sodaataa keessani, Rabbiin beekaa keessaa hubataadha} [Al-Hujuraati: 13].
Sahiiha Tirmizii fi Ibnu Hibbaantu gabaasani