Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

62 of 559 cards

Clear filters
Mana meeshaa kiyya girdoo fakkii of keessaa qabuun hagoogee osoon jiruu Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- natti ol seenanii, yeruma isa argan fuulli isaanii jijjiiramee isa baqassanii, akkana jedhan: "Yaa Aa'ishaa, Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin biratti warri irra cimaa adabbii adabaman warra uumama Rabbii wajjiin wal fakkeessani, Aa'ishaanis akkana jette: "isa mummurree boraatii tokko ykn lama irraa tolchine".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namni tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee, dhimma wahii keessatti isaan dubbisee, akkas jedheen: "Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete", Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ni jedhan: “Rabbi waliin qixa na gootee? waan Rabbi qofti fedhe” jedhi.
Sanadni isaa hasani رواه ابن ماجه والنسائي في الكبرى وأحمد
Booda Nabiyyiitti -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- Harree ufayr isaan jedhamu irratti duubaan yaabbadhee osoon jiruu, akkana naan jedhani: "Yaa Mu'aaz! haqa Rabbii kan gabroota Isaa irra jiruu fi haqa gabrootaa kan Rabbirra jiru ni beektaa?", Rabbii fi ergamaa Isaatu beekan jedhe, Ergamaanis ni jedhani: "Haqni Rabbii kan gabroota Isaa irra jiru Isa gabbaruu fi homaa Isatti qindeessuu dhabuudha, haqni gabroonni Rabbirraa qaban immoo nama Isatti homaa hin qindeessine azzabuu dhabuudha", nan jedhe: yaa Ergamaa Rabbii namootaa ittiin gammachiisuu? Ergamaanis ni jedhani: "isaan hin gammachiisin, ni hirkataniitii (kanuma irratti hirkatanii hojii biraa dhiisu waan ta'eef jecha)".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hudaybiyaatti halkan irraa rooba roobee ka'e booda salaata fajrii nuun salaatanii, eega salaata xumaraniin booda namootatti garagaluun akkana jedhan: "Waan Rabbiin keessan jedhe ni beektuu?", namootnis ni jedhan: Rabbumaa fi ergamaa Isaa qofaatu beeka, ergamaanis ni jedhan: "gabroottan koo irraa gariin anatti amanee gariin immoo anatti kafaree bule, namni tola Rabbii fi rahmata Isaatiin roobfamne jedhe inni sun anatti kan amanee fi urjiiwwanitti kan kafareedha, namni sochii urjii akkasii fi akkasiitiin roobfamne jedhe immoo, inni sun anatti kan kafaree fi urjiiwwanitti kan amaneedha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namni Laa Ilaaha Illallaah jedhee, waan Rabbii gaditti gabbaramutti kafare qabeenyi isaatii fi dhiigni isaa haraama ta'a, herregni isaa immoo Rabbiin irra».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Rabbiin ummata kiyyaaf dogoggora irraanfii fi waan irratti dirqisiifaman irra naa dabreefii jira».
Nawawiin akkana jedhe: Hadiisa hasani Ibnu Maajaa, Beyhaqii fi kanneen birootu gabaasani
Yaa Ergamaa Rabbii! guyyaa qiyaamaa magantaa keetiin irra milkaa'aan namaa eenyu jedhame? Ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: ''Yaa Abaa hurayraa hoo! bolollii ati hadiisaaf qabdu waanan argeef jecha eenyunuu si dursee hadiisa kana irraa akka na hin gaafanne dhugaan yaadeen ture, guyyaa qiyaamaa magantaa kootiin irra milkaa'aan namaa, nama onnee isaa irraa, yookaan lubbuu isaa irraa qulqulleessee "Laa ilaaha illallaah" jedhe''.
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
Aliyyii ibnu Abii Xaalib akkas naan jedhe: waan ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ittiin na erganiin si erguu? siidaa kamuu isa dhabamsiiftu malee akka isa hin dhiifne, qabrii ol ka'ee mul'atu kamuu wol qixxeessitu malee akka hin dhiifne.
Sahiiha Muslimtu gabaase