Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

57 of 559 cards

Clear filters
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hudaybiyaatti halkan irraa rooba roobee ka'e booda salaata fajrii nuun salaatanii, eega salaata xumaraniin booda namootatti garagaluun akkana jedhan: "Waan Rabbiin keessan jedhe ni beektuu?", namootnis ni jedhan: Rabbumaa fi ergamaa Isaa qofaatu beeka, ergamaanis ni jedhan: "gabroottan koo irraa gariin anatti amanee gariin immoo anatti kafaree bule, namni tola Rabbii fi rahmata Isaatiin roobfamne jedhe inni sun anatti kan amanee fi urjiiwwanitti kan kafareedha, namni sochii urjii akkasii fi akkasiitiin roobfamne jedhe immoo, inni sun anatti kan kafaree fi urjiiwwanitti kan amaneedha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namni Laa Ilaaha Illallaah jedhee, waan Rabbii gaditti gabbaramutti kafare qabeenyi isaatii fi dhiigni isaa haraama ta'a, herregni isaa immoo Rabbiin irra».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Yaa Ergamaa Rabbii! guyyaa qiyaamaa magantaa keetiin irra milkaa'aan namaa eenyu jedhame? Ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: ''Yaa Abaa hurayraa hoo! bolollii ati hadiisaaf qabdu waanan argeef jecha eenyunuu si dursee hadiisa kana irraa akka na hin gaafanne dhugaan yaadeen ture, guyyaa qiyaamaa magantaa kootiin irra milkaa'aan namaa, nama onnee isaa irraa, yookaan lubbuu isaa irraa qulqulleessee "Laa ilaaha illallaah" jedhe''.
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
Aliyyii ibnu Abii Xaalib akkas naan jedhe: waan ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ittiin na erganiin si erguu? siidaa kamuu isa dhabamsiiftu malee akka isa hin dhiifne, qabrii ol ka'ee mul'atu kamuu wol qixxeessitu malee akka hin dhiifne.
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Taabotaan hin kakatinaa, akkasumas abboota keessaniinis hin kakatinaa».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nin jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, Islaamummaa keessatti jecha tokko kan si malee nama biraa hin gaafanne naan jedhi, isaanis ni jedhan: “Ani Rabbitti amane jedhii eegasii irratti gadi dhaabbadhu".
Sahiiha Muslimii fi Ahmadtu gabaasan
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” .
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan Rabbii isaanii irraa odeessaniin keessatti akkana jedhan: Rabbiin akkana jedhe: "dhugumatti Rabbiin toltuu fi badduus barreessee, eegasii sana ifa galchee jira, namni toltuu tokko yaadee osoo isii hin hojjatin hafe Rabbiin toltuu guutuu godhee of biratti isaaf barreessa, yoo isii yaadee isii hojjate immoo of biratti toltuu kudhanii hanga dachaa dhibba torbaatti hanga dachaawwan hedduutti isaaf barreessa, namni badii tokko yaadee osoo isii hin hojjatin hafe Rabbiin toltuu guutuu of biratti isaaf barreessa, yoo isii yaadee isii hojjate immoo Rabbiin badii tokko qofa isa irratti barreessa".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan