Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

124 of 559 cards

Clear filters

Narrator

Show all narrators (59)
«Osoo isin irkannaa dhugaa, Rabbirratti irkattanii, silaa akka allaattii soorutti isin soora, garaa duwwaa (beelaan) bobbaatee garaa guuttattee (quuftee) galti».
Sahiiha Imaamu Ahmad, Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu maajaa, Ibnu Hibbaan -sahiiha isaa keessatti- fi Haakimtu isa gabaasani
«Toltuun: haala gaariidha, badiin immoo: waan qoma kee keessa deddeebi'ee, namoonni isarratti si beekuu jibbiteedha».
Sahiiha Hadiisa tokkoffaa: Muslimtu gabaase, hadiisa lammaffaa immoo: Ahmad fi Daarimiitu gabaasan.
«Arrabni kee Rabbiin zaakkaruu irraa jiidhaa ta'uu irraa hin deemin».
Sahiiha Ahmad, Tirmizii, Ibnu maajaa fi Ibnu Hibbaantu gabaasani
"Namni mu'umina tokko irraa rakkoo duuniyaa irraa rakkoo tokko fure, Rabbiin rakkoo tokko kan rakkoolee guyyaa qiyaamaa irraa ta'e isa irraa fura, nama nama rakkatetti laaffise Rabbiin duuniyaa fi Aakhiraatti isatti laaffisa, nama muslima tokko sattare Rabbiin duuniyaa fi Aakhiraatti isa sattara, hanga garbichi obboleessa isaa gargaaruu irra jiraatetti Rabbiinis gargaarsa garbicha isaa irra jira, beekumsa barbaachaaf jecha nama karaa bu'e Rabbiin isaan karaa jannataa isaaf laaffisa, hawaasni tokko kitaaba Rabbii qara'uu fi gidduu isaaniitti wol barsiisuuf jecha manneen Rabbii keessaa mana tokkotti wolitti qabamaniiru taanan hanga tasgabbiin isaan irratti bu'ee, rahmanni isaan haguugee, malaa'ikaan isaan marsitee, Rabbiin worra isa bira jiranu biratti isaan dubbatu malee hin hafu, nama hojiin isaa booda isa aanse firri isaa isa ariifachiisuu hin danda'u".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«namni dhageessisee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa mul'isee keennuuti, akkasumas namni sagalee gadi qabee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa gadi qabee kennuuti».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii fi Nasaa'ii gabaasani
«Adaraa dhugaa qabadhaa, dhugaan gara toltuutti qajeelcha, toltuun immoo gara jannataatti qajeelcha waan ta'eef, hanga Rabbiin biratti akkaan dhugaa dubbataa jedhamee barraa'utti namichi dhugaa dubbachuu fi dhugaa barbaaduu irraa boodatti hin jedhu, adaraa soba irraa of eeggadhaa, sobni gara jal'inaatti qajeelcha, jal'inni immoo gara ibiddaatti qajeelcha waan ta'eef, hanga akkaan sobaa jedhamee Rabbiin biratti barraa'utti namichi sobuu fi soba barbaaduu irraa boodatti hin jedhu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Abjuun gaariin Rabbi biraati, abjuun badaan immoo Sheyxaana irraayi, tokkoon keessan abjuu isa sodaatu yeroo arge gara bitaa isaatti haa tufee, sharrii isaa irraa Rabbitti haa maganfatu, akkas godhe taanan inni isa hin miidhu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Jabaan kan wallaansoo qabee injifate osoo hin taane, dhugumatti jabaan isa yeroo dallansuutti lubbuu isaa too'atuudha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan