Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

23 of 559 cards

Clear filters
"Faana ilaallachuun (hoodannaan) shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, -yeroo sadii akkas jedhan-", Nurraa namni tokkolleen kan wanti sun qalbii isaa keessatti hin argamin hin jiru, garuu Rabbiin guddate tawakkulaan sana nurraa adeemsisa.
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
«Mallattoo Islaamummaan namichaa toluu irraa, waan isa hin ilaallanne dhiisuu isaati».
Nawawiin akkana jedhe: Hadiisa hasani Tirmizii fi kan birootu gabaase
“Warra rahmata namaa godhan, Rahmaan(Rabbiin) rahmata godhaaf, warra dachii irra jiraniif rahmata godhaa, Inni samii keessa jiru rahmata isiniif godhaa”.
Sahiiha Abuu Daawuud Tirmizii fi Ahmadtu gabaasan
«Arrabni kee Zikrii Rabbiitiin jiidhuu hin dhiisin».
Sahiiha Tirmizii, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
Nan jedhe: Yaa Ergamaa nagaa bahuun akkamitti argama? isaanis ni jedhan: «Arraba kee qabadhu, manni kee siif haa bal'atu, badii kee irratti boo'i».
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
«Mu'uminni kan akkaan arrabaan nama woraanuu miti, akkaan kan nama abaarus miti, gadhees miti, nama afaan badaas miti».
Sahiiha Tirmiziitu gabaase
"Guyyaa qiyaamaa keessatti miizaana mu’uminaa keessatti amala gaarii caalaa wanti ulfaatu hin jiru, Rabbiin nama baalagee safuu hin qabne ni jibba".
Sahiiha Abuu Daawuudii fi Tirmiziitu gabaasani
"Osoo isin hirkannaa dhugaa Rabbirratti hirkattanii, akka allaattii razzaqutti silaa isiniis razzaqa ture, ganama garaa duwwaa bobbaatee galgala garaa guuttattee deebiti".
Sahiiha Tirmizii, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan