Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

60 of 559 cards

Clear filters
«Adaraa dhugaa qabadhaa, dhugaan gara toltuutti qajeelcha, toltuun immoo gara jannataatti qajeelcha waan ta'eef, hanga Rabbiin biratti akkaan dhugaa dubbataa jedhamee barraa'utti namichi dhugaa dubbachuu fi dhugaa barbaaduu irraa boodatti hin jedhu, adaraa soba irraa of eeggadhaa, sobni gara jal'inaatti qajeelcha, jal'inni immoo gara ibiddaatti qajeelcha waan ta'eef, hanga akkaan sobaa jedhamee Rabbiin biratti barraa'utti namichi sobuu fi soba barbaaduu irraa boodatti hin jedhu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Abjuun gaariin Rabbi biraati, abjuun badaan immoo Sheyxaana irraayi, tokkoon keessan abjuu isa sodaatu yeroo arge gara bitaa isaatti haa tufee, sharrii isaa irraa Rabbitti haa maganfatu, akkas godhe taanan inni isa hin miidhu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Jabaan kan wallaansoo qabee injifate osoo hin taane, dhugumatti jabaan isa yeroo dallansuutti lubbuu isaa too'atuudha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qabrii wahii lama bira dabranii, akkana jedhan: “Isaan lamaan kun adabamaaru, adabamuun isaanii waan guddaafii miti, tokkoon isaanii fincaan kan ofirraa hin qulqulleessine ta'e, inni kuun immoo gidduu namootatti kan namiimaan (walitti mufannaa namoota giddutti argamsiisuuf jecha haasaa tokko irraa gara kaanii geessuun) deemu ta'e" eegasii muka jiidhaa wahii fuudhanii isa bakka lamatti qoodanii, hunda qabrii irra tokko gadi dhaaban, ni jedhan (sahaabonni): " yaa ergamaa Rabbii maalif kana hojjatte?, isaanis ni jedhan: “waan mukni lameen kun hin goggoginiin Rabbiin isaan lameen irraa adabbii salphisuudhan kajeela".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namni Subhaanallaahi Wobihamdih, guyyaa keessa yeroo dhibba tokko jedhe, akka oomacha bahraa yoo ta'ellee badiin isaa isarraa haqamti».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Tokkoon keessan manaama jaallatu yeroo arge, inni Rabbi biraa waan ta’eef, Rabbiin haa galateeffatu, namattis haa himu, waan biraa kan hin jaallanne yeroo arge immoo inni Sheyxaana irraayi, kanaaf sharrii isaa irraa haa maganfatu, namattis hin himin, sun isa hin miidhu».
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
«Namni duuniyaatti hariira offate aakhiraatti isa hin offatu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Dadhabbiin, dhukkubni, yaaddoon, gaddii fi miidhaan kamiyyuu muslima tokko hin mudatu, hanga qoree isa waraanu gayuutti Rabbiin sababaa sanaatiin dilii isaa irraa buusu malee.”
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan