Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

4 of 559 cards

Clear filters
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaatuf "Allaahu Akbar" jedhan osoo hin qara’in yeroo muraasaaf kan callisan waan ta’aniif, ani akkana jedheen: Yaa Ergamaa Rabbii haadha fi abbaan kiyya fidaa isiniif haa ta'anii takbiiraa fi qara'uu jidduutti maal jettu? Isaanis akkas jedhan: «Akkanan jedha: Allaahumma baa'id beynii wa beyna khaxaayaaya kamaa baa'adtta beynal mashriqi walmaghrib, Allaahumma naqqinii min khaxaayaaya kamaa yunnaqqaa assoobul abyadu minaddas, Allaahumma ighsilnii min khaxaayaaya bissalji walbarad», jechuunis: Yaa Rabbi akkuma Bahaa fi Dhihaa gargar fageessitetti anaa fi dilii koo gargar fageessi, Yaa Rabbi akkuma uffanni adiin xurii irraa qulqullaa'utti dilii koo irraa na qulqulleessi, Yaa Rabbi dilii koo irraa bishaanin, fixeensaa fi cabbiin na dhiqi, jechuudha.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhuma salaata dirqamaa hunda keessatti akkana kan jedhan ta'an: "Haqaan gabbaramaan Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee hin jiru, mootummaa fi faaruun kan isaati, Inni waan hundumaa irratti danda'aa dha. Yaa Rabbi, waan ati kennite namni dhoorgu hin jiru, waan ati dhoorgite namni kennu hin jiru, sibiratti dureessa durumti isaa isa hin fayyadu".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- nurratti gadi bahanii jennaan akkana jenneen: Yaa Ergamaa Rabbii, akkamitti akka nagaa sirratti buufnu barree jirra, mee akkamitti rahmata sirratti buufna? isaanis akkas jedhan: "Akkana jedhaa: Yaa Rabbi Muhammadii fi maatii Muhammad irratti rahmta buusi, akkuma maatii Ibraahim irratti rahmata buuftetti, dhugumatti Ati Faarfamaa, guddaadha, yaa Rabbii Muhammadii fi maatii Muhammad irratti barakaa buusi, akkuma maatii Ibraahim irratti barakaa buuftetti, dhugumatti Ati faarfamaa, guddaadha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhanii kadhataa turan: "Yaa Rabbi! azaaba qabrii, gidira ibiddaa, rakkina jireenyaa, rakkina du’aati fi qormaata masiih addajjaal irraahiin sitti maganfadha”. jecha biroo kan Muslim keessatti: "Tokkoon keessan tashahhuda yeroo xumuretti (tashahhuda xumuree osoo salaamtaa hin jenne jechuudha) waan afur irraa Rabbitti haa maganfatu: Adabbii Jahannam, adabbii qabrii, rakkina jireenyaa, rakkina du'aati fi qorumsa masiih addajjaal irraa".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan