Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

3 of 559 cards

Clear filters
Inni Salaata dirqamaa fi kan biroo hunda keessatti Allaahu akbar kan jedhu ture, Ramadaanaa fi yeroo biraatis, yeroo dhaabbatu Allaahu Akbar jedha, ergasii yeroo jilba qabatus Allaahu Akbar jedha, ergasii Sami'allaahu Liman Hamidah jedha, jechuunis Rabbiin nama Isa faarsef dhagahe jechuudha, Ergasii osoo sujuuda hin godhin akkana jedha: Rabbanaa waLakal Hamd, Jechuunis: Yaa Rabbii keenya ammas faaruun sima qofaafi jechuudha, Ergasii yeroo sujuudaf bu'u akkana jedha: Allaahu Akbar, Ergasii yeroo sujuuda irraa mataa isaa ol kaasu Allahu Akbar jedha, Ergasii yeroo sujuudu Allaahu Akbar jedha, ergasii yeroo sujuuda irraa mataa isaa ol kaasu Allaahu Akbar jedha, ergasii yeroo taa'insa raka'aa lamaa irraa ol ka'e Allaahu Akbar jedha, Hanga salaata xumurutti raka’aa hunda keessatti kana ni godha. Ergasii yeroo salaata xumuree irraa garagale akkana jedha ture: Isa lubbuun tiyya harka Isaa keessa jirtuunan kakadha, ani salaata Ergamaa Rabbiitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fakkeessuu keessatti irra dhihoo keessani, salaanni isaanii akkana turte hanga addunyaa tana gad dhiisanii deemanitti.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- raka’aa lamaan fajrii keessatti: {Qul Yaa Ayyuhal kaafiruun} fi {Qul huwa Allaahu Ahad} qara’aa turan:
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Hattuun hamaan nama salaata hatuu dha", ni jedhe :akkmitti salaata isaa hata? ni jedhan: "Rukuu'as ta'ee sujuuda isaa hin guutu".
Sahiiha Ibnu Hibbaantu gabaase