Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

5 of 559 cards

Clear filters
Inni Salaata dirqamaa fi kan biroo hunda keessatti Allaahu akbar kan jedhu ture, Ramadaanaa fi yeroo biraatis, yeroo dhaabbatu Allaahu Akbar jedha, ergasii yeroo jilba qabatus Allaahu Akbar jedha, ergasii Sami'allaahu Liman Hamidah jedha, jechuunis Rabbiin nama Isa faarsef dhagahe jechuudha, Ergasii osoo sujuuda hin godhin akkana jedha: Rabbanaa waLakal Hamd, Jechuunis: Yaa Rabbii keenya ammas faaruun sima qofaafi jechuudha, Ergasii yeroo sujuudaf bu'u akkana jedha: Allaahu Akbar, Ergasii yeroo sujuuda irraa mataa isaa ol kaasu Allahu Akbar jedha, Ergasii yeroo sujuudu Allaahu Akbar jedha, ergasii yeroo sujuuda irraa mataa isaa ol kaasu Allaahu Akbar jedha, ergasii yeroo taa'insa raka'aa lamaa irraa ol ka'e Allaahu Akbar jedha, Hanga salaata xumurutti raka’aa hunda keessatti kana ni godha. Ergasii yeroo salaata xumuree irraa garagale akkana jedha ture: Isa lubbuun tiyya harka Isaa keessa jirtuunan kakadha, ani salaata Ergamaa Rabbiitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fakkeessuu keessatti irra dhihoo keessani, salaanni isaanii akkana turte hanga addunyaa tana gad dhiisanii deemanitti.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaata jalqabuuf jedhan, yeroo jilba qabachuuf Allaahu akbar jedhan qixxee ceekuu isaanii lamaanitti harka isaanii lamaan kan ol kaasan ta'an, akkasumas yeroo jilba qabachuu irraa mataa isaanii ol kaasan harka isaanii lamaan ol kaasanii, akkana kan jedhan ta'an: «Sami'allaahu Liman Hamidah, Rabbanaa walakal hamd», hiikkaan isaatis Rabbiin nama Isa faarse dhagahe, yaa Rabbii keenya faaruun keeti jechuudha. Yeroo sujuuda godhan sana kan hin hojjenne ta'an.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ganaan koo lameen ganaa isaanii lameen giddutti haala ta'een akka suuraa Qur'aana irraa taate na barsiisanitti Tashahhuda(Attahiyyaata) na barsiisan: " attahiyyaatu lillaahi, wassalawaatu waxxayyibaat. assalaamu alayka ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuh. assalaamu aleynaa wa alaa ibaadillaahissaalihiin. Ash-hadu anlaa ilaaha illallaahu wa ash-hadu anna muhammadan abduhuu wa Rasuuluh" hiikkaan isaas: Kabajowwan Rabbiifi, akkasumas salaatowwanii fi wantoonni gaggaariin Isumaafi, Nageenyi sirratti haa jiraatu yaa Nabiyyichana, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barakaan Isaa sirratti haa jiraatu, nuu fi gabroota Rabbii kan gaggaarii ta'an irrattis nageenyi haa jiraatu, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad akka gabricha Isaati fi ergamaa Isaa ta'an ragaa nan baha, jechuudha". Gabaasa biraa kan Bukhaarii fi Muslim keessatti: "Rabbiin nagaadha, nagaas kennaadha, kanaafuu tokkoon keessan yeroo salaata keessatti tashahhudaaf taa'e akkana haa jedhu: Kabajowwan Rabbiifi, akkasumas salaatowwanii fi wantoonni gaggaariin Isumaafi, Nageenyi sirratti haa jiraatu yaa Nabiyyichana, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barkaan Isaa sirratti haa jiraatu, nuu fi gabroota Rabbii kan gaggaarii ta'an irrattis nageenyi haa jiraatu -yeroo jechoota kana jedhetti samii fi dachii keessatti hunda gabricha Rabbii kan gaarii ta'eef ni geessi- Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad akka gabricha Isaati fi ergamaa Isaa akka ta'an, eegasii du'aa'ii irraa waan barbaade filata".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Humna torba irratti akkan sujuudu ajajame: kallacha (adda) irratti, harka isaanitiin gara funyaan isaanii akeekan, akkasumas harka lameen, jilba lameeni fi fiixa miila lameenii irratti, uffataa fi rifeensa akka lafa hin tuqneef hin qabnu.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namoonni tokko gara Sahl bin Sa'ad Al-Saa'idii dhufanii, minbirri maal irraa tolfamee keessatti dhugumatti haala wal mormaniin, waa’ee sanaa isa gaafatan, innis akkas jedhe: Rabbiin kakadhee inni maal irraa akka ta'e nan beeka, ani guyyaa jalqabaa itti kaayame dhugumatti isa argeera, guyyaa jalqabaa Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irra taa'anis argeera. Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dubartii wahitti akkana jechuun ni ergan -isiin dubartii warra Ansaaraa irraa taate yoo taatu sahl maqaa isii waameera-: "Minbira yeroon namootatti dubbadhu irra taa’u akka naaf tolchu gabricha kee ogeessa ijaarsaa san ajaji", isheenis isa ajaja itti dabarsitee, innis gaattiraa bosonaa irraa isa tolchee, eegasii isa qabee dhufee, Ergamaa Rabbiitiif -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ergite, isaanis itti ajajanii as kaa'ame. Ergasii Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan irratti salaatanii osoo irra jiranii Allaahu akbar jedhan argeera, ergasii osuma irra jiranii Rukuu'a godhan, ergasii of duubatti irraa bu'anii jala minbaratti sujuuda godhanii ergasii deebi'an, yeroo xumuran gara ummataatti garagalanii akkana jedhan: "Yaa ummata kana akka isin natti hidhattanii salaata koo bartaniif jecha akkas godhe".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan