Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

5 of 559 cards

Clear filters
«‌Isin keessaa namni salaata Jum'aa dhufuu barbaade haa dhiqatu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namni guyyaa jumu'aa dhiqannaa janaabaa dhiqatee egasii (gara jumu'aa) deeme, akka waan gaala saddaqaa baaseti, namni sa'aatii lamatti deeme, akka waan sa'a saddaqateeti, namni sa'aati sadi'itti deeme akka waan hoolaa gaafa qabu saddaqateeti, namni sa'aati afuritti deeme, akka waan lukkuu sadaqateeti, namni sa'aatii shanitti deeme, akka waan killee saddaqateeti, imaamni (khuxbaaf) yeroo ba'etti malaaykaan zikrii(khuxbaa) dhaggeeffachuuf jecha argamu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Muslimni hundinuu torbaanitti guyyaa tokko dhiqachuuf dirqama qaba, yeroo sanatti mataa fi qaama isaa dhiqata”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiif -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- bishaan dhiqannaa kaayee, huccuudhaan girdoo isaanif godhe, bishaan harka isaanii lamaan irratti buusanii, isaan lamaan dhiqatan, ergasii mirga isaanitin bitaa isaanii irratti bishaan buusanii, qaama saalaa isaanii dhiqatan, harka isaanitin lafa rukutanii ishee haxaa'an, ergasii ishee ni dhiqan, lulluuqqatanii bishaan funyaan keessa ol galchanii gadi deebisan, fuula fi harka isaanii lamaan ciqileen waliin ni dhiqatan, ergasii bishaan mataa isaanii irratti gad naqanii qaama isaanii irratti dhangalaasanii dhiqatan, eegasii eddoo dhiqannaa irraa fagaatanii, miila isaanii lamaan dhiqan, uffata wahii laadhefi, garuu hin fudhanne, harka isaanii lamaanin bishaan ofirraa hurgufaa deeman.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- janaabaa irraa yeroo dhiqachuu barbaadan, harka isaanii lameen dhiqatanii wuduu'a isaanii kan yeroo salaatuuf jedhan godhatan kan godhatan ta'an, eegasii ni dhiqatu, eegasii harka isaanii rifeensa isaanii keessa galchanii kan dhiqatan ta'an, yeroo qaama isaanii bishaan quubsuu yaadanitti bishaan yeroo sadii mataa gubbaa ofitti naqanii, eegasii qaama isaanii hunda dhiqatu. Aa'ishaan akkana jette: anaa fi Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- meeshaa tokko irraa kan dhiqannu taane, nuti hundinuu isuma irraa hammaarranna.
Sahiiha Bukhaariitu gabaase