Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

11 of 559 cards

Clear filters
nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nazrii irraa dhoorganii akkas jedhani: «nazriin khayrii hin fidu, dogni isaan dirqamee waa baasuu qofa malee».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” .
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Wanti nama macheessu hundi farshoodha, wanti nama macheessu hundinuu ammoo haraama, namni addunyaa tana irratti farshoo dhugee osoo irraa hin towbatin araada itti tahee du'e, inni Aakhiratti ishee hin dhugu».
Sahiiha Muslimtu gabaase, Bukhaariin immoo jechattii xumuraa isa irraa tahe keessatti gabaase
«‌Isin keessaa namni salaata Jum'aa dhufuu barbaade haa dhiqatu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaata jalqabuuf jedhan, yeroo jilba qabachuuf Allaahu akbar jedhan qixxee ceekuu isaanii lamaanitti harka isaanii lamaan kan ol kaasan ta'an, akkasumas yeroo jilba qabachuu irraa mataa isaanii ol kaasan harka isaanii lamaan ol kaasanii, akkana kan jedhan ta'an: «Sami'allaahu Liman Hamidah, Rabbanaa walakal hamd», hiikkaan isaatis Rabbiin nama Isa faarse dhagahe, yaa Rabbii keenya faaruun keeti jechuudha. Yeroo sujuuda godhan sana kan hin hojjenne ta'an.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- rifeensa mataa garii haadanii garii dhiisuu irraa dhoorgani.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Jibriil haqa ollaa naaf dhaamuu irraa booda hin jenne, hangan isa ni dhaalchisa jedhee yaadu tokkotti".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Isin hunduu tikseedha, waan tiksu irraa gaafatamaasi, Bulchaan ummataa tikseedha, waan tikse irraa ni gaafatama, namni dhiiraa mana isaa irratti tiksee dha, waan tikse irraa ni gaafatama, dubartiin mana abbaa warraa ishee fi ijoollee isaa irratti tiksee dha, waan tiksite irraa ni gaafatamti, gabrichi tiksee qabeenya gooftaa isaati, waan tikse irraa ni gaafatama, dhagahaa! Isin hunduu tiksee dha, waan tiksitan irraa ni gaafatamtan".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan