Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

98 of 559 cards

Clear filters
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gara yamanitti isa erganii, dhugaatii achitti hojjatamu irraa, maali isiin? jedhanii isa gaafatani, innis, «Bit'ii fi Mizriidha» jedhe, achumaan Abuu Burdaadhaan, bit'iin maali? jedhameen, innis "Bulbula dammaati, Mizriin immoo: bulbula garbuuti" jedhe, Isaanis ni jedhani: «wanti macheessu hundi haraama». Bukhaariitu gabaase.
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
“salaatni namichaa kan jama’aan waliin salaatu, salaata isaa kan mana isaa keessatti salaatuu fi kan suuqii isaa keessatti salaatu irra sadarkaa digdamii wahiin caala, sababni isaas namni tokko akka gaaritti yeroo wuduu’a godhatee, eegasii salaata malee waan hojjatu tokko kan hin qabne gara masjiidaa dhufee, salaata qofa malee waan biraa kan hin feene, inni hanga masjiida seenutti tarkaanfii tokko hin tarkaanfatu, yoo sadarkaan isaa dabalee, diliin isaa irraa haqame malee, Yeroo masjiida seene waan salaatni waan biraa irraa kan isa daangessu ta'een inni salaatuma keessa jira, Malaa'ikoonnis hanga inni eddoo itti salaate sana keessa jiruun akkana jechuu araarama isaaf kadhatan: Yaa Rabbi isaaf rahmata godhi, yaa Rabbi isaaf araarami, yaa Rabbi towbaa isa irratti deebi'i, waan inni miidhaa hin geessisiniin, ammas waan inni wuduu'a isaa hin balleessiniin”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Sheyxaanni osoo inni rafu booda mataa isaa irratti hidhata sadii hidha. Halkan dheera qabdaa rafi jechuun hidhaa hunda irratti rukuta. Yoo inni dammaqee Rabbiin zakkare hidhaan tokko ni hiikama. Yoo wuduu’a raawwate hidhaan biraa ni hiikama. Yoo salaate hidhaan tokko ni hiikama, nama gaarii mirqaana qabu ta'ee isaaf bari'a, akkas ta’uu baannaan nama hamaa dadhabaa ta'ee isaaf bari'a».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Dirqamummaa isaa amanee akkasuma mindaa isaa Rabbiin irratti herregatee namni ji'a Ramadaanaa soome badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaatuf "Allaahu Akbar" jedhan osoo hin qara’in yeroo muraasaaf kan callisan waan ta’aniif, ani akkana jedheen: Yaa Ergamaa Rabbii haadha fi abbaan kiyya fidaa isiniif haa ta'anii takbiiraa fi qara'uu jidduutti maal jettu? Isaanis akkas jedhan: «Akkanan jedha: Allaahumma baa'id beynii wa beyna khaxaayaaya kamaa baa'adtta beynal mashriqi walmaghrib, Allaahumma naqqinii min khaxaayaaya kamaa yunnaqqaa assoobul abyadu minaddas, Allaahumma ighsilnii min khaxaayaaya bissalji walbarad», jechuunis: Yaa Rabbi akkuma Bahaa fi Dhihaa gargar fageessitetti anaa fi dilii koo gargar fageessi, Yaa Rabbi akkuma uffanni adiin xurii irraa qulqullaa'utti dilii koo irraa na qulqulleessi, Yaa Rabbi dilii koo irraa bishaanin, fixeensaa fi cabbiin na dhiqi, jechuudha.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Dhiqannaan guyyaa jimaataa nama baallaghe hunda irratti dirqama, akkasumas ilkaan isaa rigachuu fi yoo argate shittoo dibachuunis".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Tokkoon keessan yeroo imaama dura mataa isaa ol kaasu, Rabbiin mataa isaa mataa harree taasisuu, ykn Rabbiin suuraa isaa suuraa harree taasisuu hin sodaatuu?".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Dubartiin takka abbaan manaa isii ykn mahramiin/firri dhihoo isii wajjiin yoo jiraate malee fageenya guyyaa lamaa hin imaltu, Guyyaa lama soomuun hin hayyamamu, isaanis: Ayyaana Al-Fixrii fi Al-Adhaati, Salaata fajrii booda hanga aduun baatutti salaanni hin jiruu fi salaata asrii boodas hanga aduun dhiitutti salaanni hin jiru, Gara masjiida sadii: Masjiidal haraam, Masjiidal Aqsaa Fi masjiida koo kana malee ibaadaaf imala deemuun hin ta'u”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan