Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

2 of 559 cards

Clear filters
Faaximaan -Rabbi isii irraa haa jaallatu- sababaa dhagaa waa ittiin daaktuutiin dhukkubbii harka isiitti dhaga'amu itti himachuuf jecha gara nabiyyitti dhufte -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kan dhuftes akka garbichi isaaniif dhufe isii qaqqabeeti, garuu dhuftee waan isaan argachuu hin danda'iniif, waan ta'e sana Aa'ishaatti himte, isiinis yeroo isaan dhufanitti isaanitti himte, Aliyyiin akkana jedhe: nuhii bakka hirriibaa qabatee hirriibaaf qophaa'e nutti dhufanii, isaaniif dhaabbachuuf jennaan, «Bakka keessanii hin sochoo'inaa» jechuun nu bira dhufanii gidduu kootii fi gidduu isii taa'ani, hanga qabbanni faana isaanii lameenii garaa koo irratti natti dhaga'amutti, eegasii akkas jedhani: «waan gaafattan irra waan caaluutti isin akeekuu? yeroo bakka ciisichaa keessanii qabattan- yookaan firaasha keessanitti ol baatan- yeroo soddomii sadi Rabbiin qulqulleessaa, yeroo soddomii sadi Rabbiin faarsaa, yeroo soddomii afur Rabbiin guddisaa, inni kun hojjataa qabaachuu irra isiniif caala».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wajjiin taa'aa ture, namoonni lama arrabsanii, tokkoo isaanii fuulli isaa diimatee, ujummoo dhiigaa isaa iita'ee jennaan, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Ani jecha tokko beeka osoo isa jedhee aariin kun irraa deema ture, osoo akkas jedhee: Sheyxaana irraan Rabbitti maganfadha, silaa rakkinni kun irraa deema ture», sahaboonnis namichaan akkas jedhan: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas siin jedhan: «Sheyxaana irraa Rabbiitti maganfadhu», innis ni jedhe: maraatumni natti jiraa moo?
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan