Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

45 of 559 cards

Clear filters
«Waan guddaa irraa gaaffatte, inni nama Rabbiin laaffiseef irratti laafaadha: Homaa isatti osoo hin qindeessin Rabbiin gabbarta, salaata gadi dhaabda, zakaa kennita, ramadaana soomanta, mana Rabbiitti hajjita" eegasii Nabiyyiin akkas jedhani: "hulaawwan toltuutti si qajeelchuu? Soomni gaachana, sadaqaan akka ibiddi bishaan dhaamsutti badii dhaamsa, salaanni namichi halkan keessa salaatu" eegasii jecha Rabbii ol ta’ee kana ni qara'an: {Cinaachi isaanii ciisicha irraa ni fagaatti} jedhu. hanga jecha Rabbii aayaa itti aanuu {waan isaan hojjataa turaniif jecha} jedhu gayutti qara’anii, eegasii ammas akkas jedhani: "mataa (indoo) dubbii, utubaa isaa fi fiixee dalluu isaa (woroo isaa) sitti himuu?" eeyyen natti himaa yaa ergamaa Rabbiin jedhe: "mataan (indoon) dubbii islaamummaadha, utubaan isaa salaata, fiixeen dalluu isaa (woroon isaa) jihaada" eegasii ammas akkas jedhani: "wan san hunda walitti qabu (guutu) sitti himuu?" eeyyeen natti himaa yaa ergamaa Rabbiin jedhe: arraba isaanii qabuun akkas jedhani: "kana ofirratti qabi" yaa ergamaa Rabbii nuti waan dubbannuun ni qabamnaa? Jedhe, isaanis ni jedhan: "haati kee si haa dhabdu! Namoota fuula isaaniitiin ibiddatti kan naqu oomisha (dubbii) arraba isaani malee maali?»!
Sahiiha Tirmiziitu gabaase
"Namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane toltuu haa dubbatu yookaan immoo haa callisu, namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane ollaa isaa haa kabaju, namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane keessummaa isaa haa kabaju".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namtichi tokko Nabiyyiidhaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- na gorsi jedheen: (Nabiyyiinis): "Hin dallanin" jedhaniin, gurbichi irra deddeebi'ee gaafannaan, isaanis deebi'anii akkana jedhaniin: "Hin dallanin".
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
«Rabbiin ummata kiyyaaf dogoggora irraanfii fi waan irratti dirqisiifaman irra naa dabreefii jira».
Nawawiin akkana jedhe: Hadiisa hasani Ibnu Maajaa, Beyhaqii fi kanneen birootu gabaasani
«Of muudhuus ta'ee nama miidhuun hin jiru».
Hasani Ibnu Maajaa, Daaraquxnii fi kanneen birootu musnada godhanii gabaasani.
«Hojiin kamuu niyaadhaani, nama kamiifuu waanuma inni niyyatetu isaaf jira, namni godaanisi isaa gara Rabbii fi ergamaa isaatti ta’e, godaansi isaa gara Rabbii fi ergamaadhuma isaatti ta'a, namni godaansi isaa immoo duuniyaa argatuuf yookaan dubartii fuudhuuf ta’e immoo, godaansi isaa garuma itti godaane sanatti ta'a».
Sahiiha Imaamman ogeeyyii hadiisaa lamaan: Abuu Abdullaah Muhammad bin Ismaa'iil bin Ibraahiim bin Al-Mughiiraa bin Bardizbah Al-Bukhaariifii Abuu Al-Huseyn Muslim bin Al-Hajjaaj bin Muslim Al-Qusheyrii Anneysaabuuriitu Sahiiha isaanii lamaan kan irra sirrii kitaabota qophaa'anii tahan keessatti gabaasani
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” .
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
"Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu isaanii hanga ragaa bahanii, salaata dhaabanii, zakaa kennanitti ani namoota mushrika ta'aniin lolutti ajajameera, yoo san hojjatan haqa islaamummaatiin malee dhiiga isaanitii fi qabeenya isaanii narraa tikfatan, herregni keessa isaanii Rabbiin bira jira".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan