Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

4 of 559 cards

Clear filters
«Sheyxaanni osoo inni rafu booda mataa isaa irratti hidhata sadii hidha. Halkan dheera qabdaa rafi jechuun hidhaa hunda irratti rukuta. Yoo inni dammaqee Rabbiin zakkare hidhaan tokko ni hiikama. Yoo wuduu’a raawwate hidhaan biraa ni hiikama. Yoo salaate hidhaan tokko ni hiikama, nama gaarii mirqaana qabu ta'ee isaaf bari'a, akkas ta’uu baannaan nama hamaa dadhabaa ta'ee isaaf bari'a».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Shayxaanni tokkoo keessanitti dhufuun akkas jedha: kana eenyutu uume? kanas enyutu uume? hanga Rabbii kee eenyutu uume? jedhutti itti fufa, yeroo bakka gaaffii kanaa ga'etti Rabbitti maganfatee waan sana irraa haa dhaabbatu".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Fakkeenyi nama Rabbii isaa yaadatuu fi kan hin yaadannee akka warra jiranii fi warra du’aniiti», Jecha Muslim tokko keessatti: «Fakkeenyi mana Rabbiin keessatti zakkaramuu fi hin zakkaramnee akka nama warra jiranii fi warra du’aniiti».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Rabbi ol ta’e akkana jedha: Ani yaada gabricha koo bira jira, yeroo inni na yaadatu isa waliin jira, yoo inni lubbuu ofii keessatti na yaadate, anis of keessatti isa yaadadha, yoo inni jamaa'aa keessatti na yaadate, ani immoo jamaa'aa sana irra caalaa keessatti isa yaadadha, yoo inni hanga taakkuu tokkoo natti dhihaate ani immoo dhundhuma tokkoon itti dhihaadha, yoo inni dhundhuma tokkoon natti dhihaate, ani hanga bal'ina harkaatin itti dhihaadha, yoo inni deemaa natti dhufe, ani immoo suksukaa itti dhufa».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan