Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

28 of 559 cards

Clear filters

Narrator

Show all narrators (50)
“Dhugumatti Rabbiin ni hinaafa, muuminnis ni hinaafa, hinaaffaan Rabbii immoo muuminni waan Rabbiin isa irratti haraama godhe hojjachuudha”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahaabota Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa namoonni wohii dhufanii akkas jechuun isaan gaafatan: nuti lubbuu keenya keessatti waan isa odeessuun tookkoo keenyatti ulfaatu argina, nabiyyiinis ni jedhani: "dhugumatti isa argitanii jirtuu?" ee arginee jirra jedhani: nabiyyiinis ni jedhani: "inni sun iimaana ifa galaadha".
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Shayxaanni tokkoo keessanitti dhufuun akkas jedha: kana eenyutu uume? kanas enyutu uume? hanga Rabbii kee eenyutu uume? jedhutti itti fufa, yeroo bakka gaaffii kanaa ga'etti Rabbitti maganfatee waan sana irraa haa dhaabbatu".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Hanga ani isin dhiisetti na dhiisaa, warra isin dura darban wanti balleesse, gaaffii isaanii fi Anbiyoota isaanii irratti wal dhabuu isaaniti, Kanaaf yeroon ani waan tokko irraa isin dhoorge irraa fagaadhaa, yeroon ani waan tokkotti isin ajaje waan irraa dandeessan hojjedhaa».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Irra caalaan Guyyaa aduun itti baatee guyyaa Jum’aati, guyyaa kana keessatti Aadam uumame, isa keessatti ammas Jannata seensifame, guyyaa kana keessatti irraa ari’ames, guyyaa Jum’aa malee Qiyaamaan hin dhaabbattu».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Namoota keessatti wanti lama kufrii dha: hidda dhalootaa arrabsuu fi warra du’an irratti iyyanii boo’uu».
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Hanga namni tokko qabrii nama biraa bira darbee akkana jedhutti qiyaamaan hin dhuftu: Osoon bakka isaa ta’ee natti tola".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Namni qajeellumaatti nama waame mindaa akka mindaa warra isa duuka bu’eeti argata, sun mindaa isaanii irraa homaa hin hirdhisu, namni karaa jal'inaatti nama waame immoo dilii irraa fakkaataa diliiwwan warra isa duuka bu'aniitu isa irratti ta'a, sun diliiwwan isaanii irraa homaa hin hirdhisu".
Sahiiha Muslimtu gabaase